Birgadeer Jeneraal Tafarraa Maammoo fi Birgadeer Jeneraal Asaminaaw Tsiggee mana hidhaatti gadhiifaman

Birgadeer Jeneraal Tafarraa Maammoo fi Birgadeer Jeneraal Asaminaaw Tsiggee dabalatee hidhamtoonni biroo Injinaar Mangistuu Abbaabaa , Koloneel Abarraa Asaffaa, Koloneel Salamoon Ashaagiree , Kumaalaa Mokonnoon Warquu, Kumaalaa Masakaraa Kaasaa fi Kumaala Misgaanaaw Tasammaa mana hidhaatti gadhiifamaniiru
Gaafa Roobii immo mana hidhaatti rasasaan kan rukutame Koloneel Damisaaw Antanaah fi Koloneel Alamuu Geetinaat fi kan biroo gadhiifamaniiru
Birgadeer Jeneraal Tafarraa Maammoo fi Birgadeer jeneraal Asaminaaw Tsiggee dabalatee koloneeloonni fi miseensoonni raayyaa ittisa biyyaa olaanoo 20 ol yakka mootummaa fonqolchuu jedhun himatamanii hidhaan umirii guutuun itti murteeffamun kan yaadatamudha
Gaaffiin mirgaa ummata biyyaatti kaasee wajjiin walabatee tarkaniiffi mootummaan hidhamtoota siyaasa hiikuu fi arara biyyaaleessa buusuuf fudhateen, hoggantoonni fi miseensoonni paartiilee siyaasa , Gaazexxestoonni fi miseensooni raayyaa ittisa biyyaa gadhiifamaniiru
Birgadeer Jeneraal Tafarraa Maammoo fi Birgadeer Jeneraal Asaminaaw Tsiggee dabalatee miseensoonni raayyaa ittisa biyyaa 20 ol Ginboot Sabbaat wajjiin qindomina uumuun mootummaa fonqolchuuf karoorfatan jedhamanii Ebla 16 bara 2001 mana hidhaatti kan darbataman
Birgadeer Jeneraal Asaminaaw Tsiggee filaannoo biyyaaleessa 1997 booda heera mootummaaf amanamoo miti jedhamanii jeneraloota sadii wajjiin sadarkaan loltummaa isaanii irraa mulqamee raayyaa ittisa biyyaa keessa ari’amuun ni yaadatama
Akkasumas ajaja Humna Qilleensaa kana turan Meejaar jeneraal Alamisheet Daggifee fi Birgadeer Jeneraal Kumarraa Asfaaw sadarkaan loltummaa isaanii irraa mulqame raayyaa ittisa biyyaa keessa badii tokko malee ari’amanun kan yaadatamudha.
Jeneraloonni sadeen kunniin gaaffii sagaleen ummataa yaa kabajamuu fi raayyaan ittisa biyyaa siyaasaarra bilisa ta’u qaba jedhu waan gaafataniif qofa sadarkaan loltummaa isaanii irraa mulqamee raayyaa ittisa biyyaa keessa kan ari’aman
Adeemsi hidhamtoota siyaasaa gadhiisu kan itti fufe ta’uus, obbo Andargaachoo Tsiggee, miseensi huma Qilleensa Ajaja dhibbaa Masirishaa Saxxee, Doktor Fiqruu Maaruu fi Obbo Yoonaataan Tasfaayee ammas mana hidhaa waayyaannee keessa jiru.