Bartoonni Yuunivarsitii Bulee Horaa moora gadhiisanii bahaa akka jiran hiameera

Barattoonni Yuunivarsitii Bulee Horaa torbaan tokkoof barnoota erga addan kutanii boodaa moora yuunivarsitichaa gadhiisanii bahaa akka jiran himameera
Baratoonni Yuunivarsitichaa Pirezedaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa obboo Lammaa Margarsaa akka isaani marisisaan gaafachuun eega akka turan himameera
Pirezedaant Lammaan ofiifis ta’ee bakka bu’aa isaanii erguu barattootra akka hin marsiisne himameera.
Barattoonni Yuunivarsichaa gaaffii bulchiinsa dabalatee tarkaniiffii liyyuu Pooliisiin naannoo Sumaalee mormuun barnoota isaanii addaan kutaniiru.
Gaaffiin isaanii kun furmaata waan hin arganeef Sadaasa 11 bara 2010 jalqabee moora yuunivarsitichaa gadhiisanii bahaa akka jiran maddeen oduu ESAT gabaasaniiru
Miseensoonni Raayyaa Ittisaa biyyaa gara moora Yuunivarsitichaa seenuun barattoota baay’ee akka reeban himameera
Barattoonni mana barnoota sadarkaa lammaffaa Bulee Horaas tarkaniiffi gara jabeenyaa miseensoota raayyaa ittisa biyyaa kana mormuun barnoota akka dhaabaan dhaga’ameera.
Bartoonni Yuunivarsitichaa barnoota isaanii akka jalqabaniif yaaliin taasifama ture waan hin nmilkoofneef moora gadhiisanii bahuuf dirqamaniiru.
Mormii Barattoota kana wajjiin walqabatee pirizedantiin yuunivarsitichaa aangoo akka gadhiisan dhaga’ameera.
Haaluma walfakkatuun, Pooliisoonni Addaa Naannoo Gambeellaa moora Yuunivarsitii Gambeellaa seenuun barattoota Oromoo fi Amaaraa reebaa akka jiran himameera
Pooliisoonni addaa naannoo Gambeellaa ergama waayyaannee fudhachuun baratoota saboota adda adda walitti buusuuf yaalaa jira jedhameera.
Barattoota naannoo Tigraay Yuunivarsiitii Mattuutti gara Gambeellaatti baqatan mormuun yuunivarsitii Gambeellaa keessatti walitti bu’iinsi hangi tokko akka ture maddeen oduu keenyaarra hubatameera.
Mormii kana booda pooliisoonni addaa naannoo Gambeellaa meeshaa waarana hidhatan gara moora seenuun barattoota oromoo fi Amaaraa adamsanii reebaa jiru jedhameera