Baqqattoonni Oromoo Kaayiiroo jiran dhaabbata kooluu Galtoota mootummoota gamtoomaanii irraa Abdii akka kutatan beeksiissan

Komishiiniin Kooluu galtoota mootummoota Gamtoomaanii akkaata waliigaltee mootummaa Igipt wajjiin qabun dhiimma koluugaltummaa isaanii murteessuu osoo qabu Iyyaannoo isaanii jala haqaa akka jiru baqattoonni Oromoo Kaayiiroo jiran beeksiisaniiru.Ejeensii Mootummoota gamtoomanii kun miidhaa qoodinsa, jibbaa fi reebinsa sukkaneessaa mootummaa Itoophiyaatiin isaaniira gahee dhaga’uu akka hin barbaannee baqattoonni Oromoo beeksiisaniiru.
baqataan lammii oromoo Mu’aaz Mahammuud // akkaa BBC tti dubbateti yeroo darbee hadha manaa fi daa’immaa isaa ji’aa lamaa balaa dooniitiin gaalaana Medeterniyaanii irratti dhabee hojimaata Komishiiniichaatti akka gaddee dubbatanaiiru. dhiimmii isaanii yoo sirriitti kan ilaallamu ta’ee murtii dhaabbata Mootummoota gamtoomaanii akka eegaan himeera.
Baqqattoonni oromoo kaayiiroo gadiidhiisaanii karaa lubbuu isaaniif soodachisuun deemuuf kakka’umsa qabatanii osoo hin taane abdii kutachuun akka ta’ee obboo Mu’aaz Mahammud dubbateera.
Ji’a Ebla darbee Komishiniin Kuulugaltoota Garee Oromoo wajjiin hojjachuun garagarummaa jiruu akka furu beeksiise . Komishiniin Kooluu galtoota Mootummoota Gamtoomaanii Kaayiroo jiru gaaffii kuulugaltummaa isaanii baay’inaan waan jala haquuf baqattoonni Geetuu Ayyaanaa fi Asilii Nuuree jedhaman Abiddaa ofitti qabsiisuun akka du’aan ni yaadatama.
akka namoonni balaa doonii ebla 19 irraa hafanii jedhanitti lammiileen Itoophiyaa 150 wajjiira komishiniichaa fulduratti mormii isaanii dhaaggeechisaa erga turan booda kallatummaan imaltummaa jalqaban. komishiniiniich imala lubbuu isaaniif soodachisuu kanaaf akka isaan kakkasee firootanii fi hiriyyoonno balaa doonii kanarraa hafan beeksiisaniiru
Komishiniichi gama isaatiin, Adeemsi iyyaannoo isaanii calaaluu harkifataa akka ta’ee beeksiiseera. kun immoo Hanqinaa qabeenyaa waan jiruuf jechuun komii baqattoota kun sirrii akka hin taane himeera.
Dubbii himaan Komishiiniichaa Taariiq Argaazii gaaffii Koolugaltummaa nama hundaatuu jala haqamaa jechuun gutumaatti dhugaa mitii jedhaan
Hogganaan waldaa Kooluugaltoota Oromoo Kaayiiroo Abdoo Mohammaad komishiniichii dhimmaa kanarratti hojjachuuf waada galuus ammaas gaaffii baqattoota haqaa waan jiruuf sodaan jira jedhan

Baqatoonii dhiibbaa mootummaa Itoophiyaa jalaa dheessani biyyaa Misir keessaa yeroo ammaa jiraatan lakkoofisii isaanii kuma 10 ol akkaa ta’u dubbatama.