Baqattoonni Itoophiyaa fi Ertiraa kuma tokko ol Pooliisii Xaaliyaanii wajjiin akka walitti bu’an gabaafameera

Pooliisiin Xaaliyaanii baqattoota Itoophiyaa fi Ertiraa kuma tokko ol magaala room gama tokkorra jiraacha turan humnan akka gadhisiise baqqattoonni himaniiru
Baqqattoonni biyyoota lamanii gamoo irra jiraacha turaniirra pooliisiin biyyaatti humnan erga akka gadhisan dirqamsiise booda daandii magaala Room irra jiraachuuf dirqamaniiru.
Yaa ta’u malee,Pooliisiin biyyaatti ammaas baqattoota kanniin daandii irra humnan kaasuuf tarkaniiffii fudhateen walitti akka bu’an gabaafameera.
Tarkaniiffii Pooliisiin biyyaatti fudhateen baqattoonni biyyoota lamanii baay’een midhamaniiru
Pooliisiin gama irra jiraacha turan akka gadhisaanii dursee akkeekachiisa akka hin laanneef baqqattoonni himaniiru.
Kana malees gamoo irra jiraatan erga gadi dhisaanii booda mana jireenya yeroof keessa jiraatan akka hin qophoofneef baqattoonni himaniiru
Baqattoonni carraa biraa waan hin qabneef yeroof daandii guddaa magaala Roomirra jiraachuu akka jalqaban gabaafameera.
Pooliisiin akkeekachisa malee mana jireenyaa isaanii keessa sababa gamoon kan nama dhuunfaatti jedhu humnan akka bahan gochuu Dargaggoon lamii Itoophiyaa tokko ESAT himeera.
Lammiileen Afriikaa garaa Liibiyaatiin galaana qaxxamuruun gara Ardii Awurooppaatti wayita ce’aan xaaliyaanii jalqabaraatti kan argatan.
Waggoota sadeenii fi Arfan darban keessa lammiileen Afriikaa baay’een gara Aworooppaatti baqachuuf wayita yaalan galaana keessatti dhidhimuun lubbuu isaanii dhabaniiru.
Kan lubbuun hafaniis akka yaadan biyyoonni Awurooppaa karaa nagaan isaan simachaa waan jireef rakkoo biroof saaxilamaniiru
Dhimmi baqattoonni Itoophiyaa fi Ertiraa magaala Roomiitti gamoo irra jiraacha turan humnan akka gadi dhisaan taasifamnii yeroo ammaa daandiirra jiraatan adda akka ta’e himameera.
Lammiileen kunniin eyyama jireenyaa kan hin qabnee ta’uus,walfudhanii ijoollee horachuun waggoota kudhanii ol biyyaatti keessa akka jiraatan himaniiru.
Walitti bu’iinsa Pooliisii fi baqqattoota biyyoota lamanii gudduu tureen lammiileen Itoophiyaa fi Ertiraa miidhaan irra gahe hospitaalatti waldhanamaa jiru.
Tarkaniiffii Pooliisiin biyyaatti fudhate kun seeraa addunyaa baay’ee kan diigu jechuun qamooleen adda adda balaleeffataniiru.
Imbaasiin Itoophiyaa xaaliyaanii jiru balaa lammiilee biyyaatti irra gahe ilaalchisee hanga ammatti deebiin kenne hin jiru