Balaan hoongee Itoophiyaa miidhaa jiru hawaasa addunyaa irraa xiyyeeffanna gahaa waan hin arganeef balaan qaqqabsiisuu waan cimeef soodachiisa ta’uu UN beeksiiseera

Itoophiyaa naannoo Sumaaleetti balaan hoongee qaqqabeen namoonni baay’een hanqina midhaan nyaata fi rakkoo fayyaatiif saaxalamuusaanii himameera.
Daa’immaan Umiriin isaan waggaa shanii gadii ta’an gara giddugalaa balaa damdamachuutti galaa akka jiran dhaabbanni mootummota gamatoomaanni ibsa baaseen beeksiiseera.
Mootummaan Itoophiyaa fi Dhaabbanni Mootummoota Gamtomaanii baala hoongee namoota miiliyoona 5.6 gargaarsa midhaan nyaataaf saaxilee kana damdamachuuf gargaarsa maallaqaa dolaarii biiliyoona tokkootti dhiyaatu akka barbaachisuu beeksiisaniiru.
Gargaarsa maallaqaa kana immoo hawaasa addunyaa irra argachuuf yeroo adda addaa waamicha dhiyaatuus deebii quubsaa argachuu akka hin danda’amne himameera.
Naannoo Sumaleetti lakkofsi daa’immaan gara giduugalaa balaa damdamachuu Afideer galanii dhibbentaa 65nin waan dabaleef yeroo amma daa’immaan kuma jaha ol giddugalichaa keessatti gargaarsi kennamaaf jira jedhameera
Bakkeewwan Jaraar fi Doolloo jedhamuttiis lakkofsi daa’immaan giddugalaa balaa damdamachuu keessatti gargaarsi kennamaaf jiru baay’ee dabalaa akk jiru gabaafameera
Gargaarsi maallaqaa hawaasa addunyaa irra ni argama jedhame eeggamu yeroon waan hin argamneef dhaabbileen mit- mootmmaa gargaarsa namoomaa kennan rakkoo kana furuuf yeroon qaqqabuu akka hin dandeenye himameera
Balaa Hoongee naannoolee Oromiyaa, Affaar, Sumaalee fi Ummattoota kibbaa miidhaa jiru kanan lammiileen miiliyoona 5.6 gargaarsa midhaan nyaata yeroo hatattaamaatiif akka saaxilaman ni yaadatama