Bakka Bu’oonni Adda Bilisummaa Ummata Ogaadeen sarbamuu mirga namoomaa mootummaa Itoophiyaatiin raawwatamuu fi dhimmoota biroo irratti qaamolee gara garaa waliin Washingtan Diisiitti mar’atan.

Bakka bu’oonni Adda Bilisa Baasaa Biyyoolessaa Ogaaden daawwannaa isaanii guyyoota Afuriitin Miseensota Koongiraasii, Seenetaroota Amerikaa fi Ogeessota gara garaa waliin mar’ataniiti jiru.

Kaayyoo marii kanaas walitti dhufeenya deeggartoota fi dhadhestoota mirga namooma ummataa Ogaadee duraanii jiru haaromsuuf jedhameera. Kana malees Seeraa Tumtoota fi bakka bu’oota Mootummaa Amerikaa wajjiin waliitti dhufeenya uumuuf akka ta’e beekameera.

Mariin Ogeessoota National Endowment for Democracy waa’ee dhimma Itoophiyaa hordofan waliin dhimma haala siyaasaa fi hawaasummaa yeroo ammaa Ogaadeeni fi waliigala Itoophiyaa keessa jiru ilaalchisuun mari’atan bu’aa qabeessa ture jedhameera.
Marii Seera Tumtoota Ameerikaa waliin mari’atameen bakka bu’oonni kunniin dhimma hubannoo dhabuu darara ummata Ogaadeen irra gahu kaasuudhaan hubachiisaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa Ameerikaa biratti akka dimokraatawaatti ilaalamu naatoo tokko malee mirga ummata Ogaaden sarbaa akka jiruu fi tooftadhaan mirga namoomaa ummatichaa daangessaa akka jiru bakka bu’oonni kun itti himaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa ummata naannichaa tooftaa reebichaan dararuu fi dubartoota humnaan gudeedun sodaachisee bulchuuf tarkaanfiwwan itti fayyadamu keessaa muraasa akka ta’e miseensonni kun Seera Tumtoota Ameerikaatti akka himan dubbataniiru.

Gama diinagdeetinis,Naannichatti boba’aa barbaaduf jecha lafti heektaara kumaatamatti lakkaahamu kaampaanii Chaayinaa boba’aa barbaadu tokkoof waan kennameef ummanni rakkoo hamaa keessa akka jiru bakka bu’oonni kun dubbataniiru.

Mariin qondaaltota mootummaa Ameerikaa waliin rakkoo hawaasummaa yeroo ammaa hongee fi hojii mootummaa waliin walqabatee ummaticha miidhaa jiru qondaaltonni Ameerikaa akka beekan gochuuf carraa gaarii ture jedhaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa meeshaalee fi nama gara Ogaaden seenu fi bahu tohachuun waan qaban irraa saamuu fi midhaan gargaarsa Ummataaf ergamu loltoota isaa nyaachiisaa akka jiru beeksiisaniiru.

Bakka bu’oonni Adda Bilisa baasaa Biyyoolessa Ogaaden tarkaanfii mootummaan Itoophiyaa Seera biyyaatti gara maddiitti dhiisuun loltoota isaatiin Ummata Oromoo, Amaaraa , Gaambeellaa ,Beenishanguul,Sidaamaa Oomoo fi Koonsoo irratti fudhachaa jiru marii kanarratti akka kaasanii turan beekameera.
Rakkoo Dimokraasii, Ofiin of bulchuu fi mirga Ummanni Itoophiyaa hoogganaa isa bulchu akka hin filanneef daangessu kana callisaan bira darbuun balaa akka fiduu danda’u xiyyeeffannoon kennameefii akka irratti mar’atame bakka bu’oonni kun himaniiru.

Hawaasni Addunyaa marii mootummaa Itoophiyaa qofa osoo hin taanee Dhaabbilee mormitoota waliin akka mari’atu Bakka bu’oonni Adda Bilisa Baasaa Biyyoolessaa Ogaaden waamicha dhiyeesaniiti jiran.