Baankiin Daladala Itoophiyaa Gamoo haaraa ijarsiiseef haati manaa obboo Taklabirhaan Ambaayee caalbasii malee meeshaalee biiroo akka dhiyeessaniif filate

Baankiin Daladalaa Itoophiyaa gamoo ijaarsiisuuf caalbaasii qopheesseen kaampaanii caalbaasii mo’aate dhoorkachuun seeraan ala obboo Taklabirahaan Ambaayeef akka kenne ni yaadatama.
Ijaarsi gamoo haaraa kanaf meeshaalee biiroo akka dhiyeessaniif haai manaa obboo Taklabirhaan Ambaayeef caal baasii malee filatamuusanii beekameera.
Bankiichi gamoo haaraa ijaarsiseef meeshaalee biiroo akka dhiyeessaniif haadha manaa Obboo Abbaay Tsahaayee duraanii malanmaltummaa shakkamanii yeroo ammaa mana hidhaa jiran aadee Saaleem Kabbadaa filatee bakka ture ni yaadatama.
Obboo Taklabirhaan Ambaayee Perezedaantii Baankii Daladala Itoophiyaa obboo Baqaaluu Zallaaqaaf mana jireenya ijaaranii akka kennaniif gaabafameera.
Mootummaan hoggantoonni fi daladaltoonni malanmaltummaan shakkaman to’aannoo jala oolchuun cimee akka itti fufu himuus obboo Taklabirhaan Ambaayee fi Pirezedantiin Baankiicha obboo Baqaaluu Zallaaqaa gocha malanmaltummaa cimsanii akka itti fufan himameera.
Baankiin Daladala Itoophiyaa wajjiira muummee gamoo abbaa dabrii 46 kampaanii chaayiinaatiin kan ijaarsisaa jira.
karaa seeraan alaatiin konistirakishiniin obboo Taklabirhaan Ambaayee fi Yemaanaa Girmaay ijaarsa irratti akka hirmatan taasifamaniiru.
Obboo Abbaay Tsahaayee dhaabbata Konistirakishiinii Yemaanaa Girmaay keessa gahee guddaa akka qaban keessa beektoonni dubbataniiru.
Gamoon wajjiira muummee Baankii daldala Itoophiyaa haaraa kanaaf haati mana Obboo Takla birhaan Ambaayee meeshaalee biiroo akka dhiyeessanniif caalbaasii tokko malee karaa seeraan alaatiin akka filataman himameera.
Meeshaalee biiroo kunniin biyyoota Awurrooppaatti akka bitaman kan himame ta’uus , meeshaaleen hiikamanii wayita ilaallaman garuu chaayiinaa fi biyyoota giddugala bahaatii akka bitaman mirkana’eera.