Andargaachaw Tsiggee dabalatee hidhamtoonni 500 oli guyyaa har’a gadhiifaman.

Obbo Andaargaachaw Tsiggee hoogganaan dhaabbata Ginboot 7 fi kan bakka hinjirreetti yakka shororkeessummaatiin himatamee buufata xayyaara biyya Yamantti qabamee waggoota afuriif hidhaarra ture guyyaa Kibxata har’a akka sa’aa biyyaatti waaree booda gadhiifamaniiru.
Obbo Andaargaachaw dabalatee namoota 500 oli himannaan isaanii addaan citee dhiifamni taasifameefi akka gadi lakkifaman erga gaafa Sanbata darbee motummaadhaan ifa taasifameen booda har’a sa’aa booda gadhiifamuu isaaanii miidiyaa biyyattiin ibsameera.

Hooganaan dhaaba mormitoota Arbanyooch Ginboot 7 obboo Andaargaachoo Tsiggee gaafa ji’a Waxabajjii bara 2014 qindoomina dame tikaa biyya Itoophiyaa fii Yaman wajjiin ta’en buufata xayyaara Yamanitti qabamuun Itoophiyaa geeffamee hedhaman.

Akkasumaas gaafa bara 2009 bakka hin jirretti yakka du’aatiin adbamee jira.

Dargaggoonni magaala Finfinnee fii nannoo jiraatan, erga guyyaa obboo Andaargaachoon gadhiifamuu jedhamee kaasuun yoom akka hidhaa gadi diifaman eeguun, baayyinaan daandii dhiphisuun miiraan uffata suuraa isaa qabu uffachuun simachuuf akka eegaa jiran himameera.
Akka oduun Finfinnee baatu ibsitutti, deegartoonnis mana maatii obbo Andaargaachaw kan magaalaa Finfinnee naanawa Booleetti argamutti walgahuun dheechisaafi geeraraa eegaa turuun gabaafameera.

Obboo Andaargaachoo erga mana maatii isaanii Boolee jiru ga’anii booda haasawa gabaabaa ummataa isa simachuuf waliiti qabameef godhaniin mana hidhaatii haala akkanaatiin gadiin dhiifama je’ee hin yaadne jedhaniiru.

Obboo Andaargaachoon umrii 63 abbaa ijoollee 3 ta’uun nama jireenya isaa gar caalu biyya UK jiraachaa turaniidha.

Abbaan Alangaa federaalaa ibsa dhiheenya kana baasaniin, hidhamtoonni 576 kanneen yakka gara garaan himatamanii turan dhiifamni godhameefii akka gadi dhiifaman ibsuun kan yaadatamuudha. Namoota dhiifamni godhameef keeysaa 18 dubartoota ta’uun beekameera.