Ahimaddiin Jabiil Mana Hidhaa Waayyaannee keessatti Rakkoo Fayyaa cimaaf akka saaxilame himame.

Miseensi Koree Fala barbaadduu Dhimma Musilimoota Itoophiyaa Ahimaddiin Jabiil mana hidhaa waayyaannee keessatti dararamaa jira.
Ahimaddiin Jabiil rakkoo fayyaa isa mudateen waldhaansa hatattamaa akka argatuuf lammiileen Itoophiyaa dhiibbaa gochuu akka qaban waamuchi dhiyaateera.
Ahimaddiin waldhaansa gahaa dhabuun mana hidhaa waayyaannee keessatti dhabee Kaleetiin rakkachaa akka jiru himameera.
Humnoon Tikaa waayyaannee Ahimaddiin mana hidhaa keessatti reebicha cimaan dararuun waldhaansa fayyaa gahaa akka hin argane dhoorkaniiru.
Rakkoon dhibee Kalee isa mudate waldhansa gahaa yeroon waan hin arganeef yeroo ammaa sadarkaa olaanaarra akka gahe himameera
Dhimma Ahimaddiin Jabiil Komishinii Mirga Namoomaa Afriikaatti beeksisuuf hojjacha akka jiru ‘Farist Hijiraa Faawundeshiin’ beeksiseera
Mootummaan Itoophiyaa dhimma amantii keessa seenuun bilisummaa amantii sarbuu hin qabu jechun Musilimoonni Itoophiyaa mormii wayita jalqabaniin Ahimaddiin Jabiil miseensa koree fala barbaadduu ta’uun kan filatame.
Mootummaan dhimma amantii keessa seenee bilisummaa amantii akka hin sarbine koreen kun karaa nagaan fi mariin furmaata barbaaduf kan hundeeffame ture.
Mootummaan waayyaannee garuu miseensoota koree fala barbaadduu musilimoota Itoophiyaa baay’ee waggoota jahaan dura mana hidhaatti darbateera
Ahimaddiin Jabiil mana murtii sobaa waayyaanneetiin hidhaan waggoota 22 itti murta’uun mana hidhaa keessatti dararamaa jira.
Miseensoonni koricha biroo waggaa tokkoon duraa dhiifaman wayita hiikaman Ahimaddiinii fi miseensoonni koree biroo mana hidhichaa keessa akka turan tasifamaniiru
Ahimaddiin Jabiil miseensoota koricha cimoo fi tikoonni waayyaannee kara hundaan miidhu barbaadan keessa adda duree ture
Ahimaddiin dubbii “kaayyoon ajjeessuuniif jiraachuu baatuus kaayyoon duunuuf qabna” jedhun akka beekamu himameera.
Ahimaddiin Jabiil reebicha mana hidhaa maa’ikalaawwiitti irra gahe wajjiin walqabatee rakkoo fayyaa cimaaf akka saaxilame himameera.
Haali fayyaa Ahimaddiin Jabiil yeroo amma keessa jiru sadarkaa yaadeessarra gahuusa Pirezedantiin ‘Firiist Hijiraa Faawundeshiin’ Haajii Najiib Mahammad himaniiru.
Lubbuu Ahimaddiin Jabiil bararuuf hawaasni musiliimaa fi lammiileen Itoophiyaa hundi mootummaa abbaa irree waayyaannee irratti dhiibbaa gochu akka qaban haaji Najiib waamicha dhiyeessaniiru.
Ahimaddiin Jabiil waldhaansa akka argatuuf lammiilee Itoophiyaa baay’een karaa marsaalee miidiyaa hawaasummaan duula jalqabuun kan yaadatamudha.