Abraahaam Waldamaariyaam kan muudamni janaraalummaa guutuun humna raayyaa ittisa biyyaa dhiheenya kan kennaneefii ture soorama ba’uun isaanii barame.

Janaraal Abraahaa Waldamaariyaam gaafa baatii Waxabajjii 25 bara 2010 irraa jalqabee akka soorama ba’anii jiran oduun ESAT qaqqabeera.

Janaraal Araahaa Waldmaariyaam yeroo dhiiraaf ajajaa raayyaa ittisa biyyaa godinaa baha biyyaa ta’uun bulchinsa naannoo soomaalee irratti dhiibbaa guddaa geggeessaa akka turetti himameera.

Janaraaltichi baha Itoophiyaa keeysatti hojii daldala Kotrobaandummaatiin horii guddaa argachuun janaraalota magaalaa Finfinnee keeysatti manneen jireenyaa qaalii jaarratan keeysaa isa tokko jedhameeti himamaa jira.

Janaraal Abraahaan janaraalota arfan dhiheenya kana muudamni janaraalummaa guutuun humna raayyaa ittisa biyyaa kennameef keeysaa tokko ta’uun itti aanaa eetaa major ta’uun muudamanii turan guyyaa Waxabajjii 25 bara 2010 irraa jalqabanii soorama ba’aniiru.