Abbootiin Qabeenyaa Tigiraay Sababa Hojii Invastimantii Qonnaa Naannoo Gambeellaa Wajjiin walqabaten dhorkamanii turan gara Hojii isaaniitti akka deebi’an taasifamaniiru

Abbootiin qabeenya 269 Invastimantii qonnaa irratti bobba’an lafa fudhatan qaama sadaffaatti dabarsanii gurguru, Maallaqaa baankii liqeeffatan hojii biraaf oolchuu, gara hojii seenuu dhabuu fi hojimaataa Invastimantii waan hin hordofneef waliigalteen Invastimantii isaanii akka addan citu taasifamee ture.
Murtii Koree rakkoo Invastimantii qonnaa naannoo Gambeellaa mudate akka qoratuuf wajjiira ministiira muummeen hundeeffameen waliigalteen Invastaroota qonnaa addan citee ture dhibbentaan 98 gara hojiitti akka deebi’aan taasifameera
Abbootiin Qabeenya irra caalaan Saba Tigraay ta’an murtii miseensoota koree fi hoggantoota olaanoo baakii Misooma Itoophiyaa gufuuwwaan misoomaa jechuun mootummaa Federaalaa fi naannoo Gambeellaatti iyyataniiru
Haaluma kanan Abbootiin qabeenyaa saba Tigraay iyyaannoo gorsaa ministiira Muummee fi hoggansa adda bilisa baasaa Ummata Tigraay Arkabaa Iqubaayiif dhiyeessaniin dhimmi isaanii ji’oota laman darbaniif sakkata’ama tureera.
Abbootii Qabeenyaa komii dhiyeeffatan 190 keessa 186 gara hojiitti akka deebi’aan murteeffameef jira
Abbootii Qabeenyaa gara hojiitti akka deebi’an murteeffameef 186 keessa 4 qofti dhalatoota naannoo Gambeellaa yoo ta’aan, nkan hafan irra caalaan isaanii dhalatoota saba Tigraay akka ta’an himameera.