Abbaan Alangaa Federaalaa Iyyaannoo Dr Maraaraa Guddinaa irratti mormii dhiheesun isaa beekame.

Abukatoonni Dr Maraaraa Guddinaa himaannaan isaan irratti dhiyaate kan miidiyaalee ESAT fi OMN irraa adda bahee akka ilaallamuuf mana murtii bareeffaman ergaa gaafatanii booda Abbaan Alangaa Federaalaa mormii isaa barreeffamaan Gaafa kibxaata mana murtiif dhiyeesseera.
Abbaan Alangaa Federaalaa Himaannaan Dr Maraaraa Guddinaa yakka shororkeessuummaa Miidiyaaleen lamaan ittiin himatamaniirra adda bahee kophaatti ilaallamuu hin qabu jechuun mormeera.
Dr Maraaraa Guddinaa dhaabbilee Miidiyaalee fi namoota dhuunfaa lamaa wajjiin walitti dhufeenya akka hin qabne osoo beekamu galmee tokko jalatti himaatamuun isaanii waan yaadatamuudha.
Oduu walfakkatuun Manni murtii Federaalaa Dhadachaa gaafa waxabajjii 2 ta’een yakki shororkeessummaa Miidiyaaleen ESAT fi OMN ittin himataman iftoomina waan hin qabneef foyyaa’ee akka dhiyaatu Abbaa Alangaa ajajee ture.
Haaluma kanan Abbaan Alangaa miidiyaaleen lamaan seeraan kan hundeeffaman ta’u, yoom akka hundeeffamanii fi biyyaa itti argaman dhiyeessu qaba.
Bifuma kanan abbaan alaangaa himaannaa miidiyaalee lamaan irratti dhiyeessee foyyeessuun mana murtiichaaf dhiyeesseera.
Manni murtichaa Gargalchaa himaannaa miidiyaalee lamaan irratti foyyaa’ee dhiyaate kana Abukatoota Dr Maraaraa Guddinaaf kennu dideera.
Sababni isaa immoo abukatoonni Dr Maraaraa miidiyaalee kanniin kan bakka bu’aanii miti kan jedhu akka ta’e gabaafameera.
Abbaan Alangaa Federaalaa Dr Maraaraa Guddinaa Miidiyaalee fi namoota isaan walitti dhufeenya tokko wajjiin hin qabne waliin galmee tokko jalatti himaachuun hanga Filannoo Biyyaaleessa itti aanuu darbuutti mana hidhaa keessa tursiisuuf kan karoorfame jechuun ogeessoonni siyaasa qeeqaaniiru.
Dhaabbanni kabajamuu mirga namaaf mormu Human Raayiit Wach himaannaan Dr Maraaraa Guddinaa irratti dhiyaate ergama Siyaasa kan qabu waan ta’eef hatattamaan bilisa bahuun akka gadi dhiifaman gaafachuun kan yaadatamudha.