Aanaale Itoophiyaa 200 dhiyaatan gargaasa midhaan nyaata hatattaamaa akka isaan barbaachisu himameera.

Balaa Hoongee haaraattiin aanaalee 200 tti dhiyaatan aanaalee gargaarsi midhaan nyaata hatattaama sadarkaa tokkooffan isaan barbaachiisu jedhamanii akka adda bahaan Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomaanii beeksiiseera
Aanaalee gara 200 gargaarsi midhaan nyaata hatattaama isaan barbaachiisa jedhamanii adda bahaan naannoolee Oromiyaa, Sumaalii fi Ummattoota kibbaa keessatti kan argaman jedhameera.
Roobni ji’a Fulbaana hanga Sadaasatti roobuu qabu yeroon waan hin roobneef naannoolee sadeen keessatti balaan hoongee haaroofti akka umaammee dhaabbatich beeksiiseera.
Naannoo Oromiyaatti godinaaleen Gujii, Boraanaa, Baalee fi Harargee Bahaa akkasumas godinaaleen naannoo Sumaalii sagalii fi Naannoo Ummattoota kibbaatti godinaaleen Oomoo, Gamgoofaa fi Ummattoota Sagaan balaa hoongee kanan miidhamaniiru.
Miidhaa balaa hoongee kun qaqqabsiisuu ittisuuf dolaarii miiliyoona 900 fi miiliyoona 22 akka barbaachiisu dhaabbanni mootummoota gamtomaanii beeksiiseera.
Dhiyeessi gargaarsa namooma kan bara darbee wajjiin walitti dhiyeenya akka qabu dhaabbatich beeksiiseera. Bara kana namoonni miiliyoona jahaatti dhiyeetan gargaarsa midhaan nyaata akka isaan barbaachiisu himameera.
Dhaabbileen arjomtootaa biyyaa keessaa fi biyyaa alaa jiran hongeen kun balaa cimaa osoo hin qaqqabsiisne hirmaachuu akka qaban dhaabbatich waamicha dhiyeesseera