Wixineen labsii faayidaa addaa naannoon Oromiyaa Finfinneerraa argattu murteessu akka bahe miidiyaaleen mootummaa gabaasaniiru

Heera mootummaa Itoophiyaa keeyyata 49 keeyyata xiqqaa 5 irratti naannoon Oromiyaa faayidaa addaa Bulchiinsa magaalaa Finfinnee irraa argattu seeran akka murta’uu kaa’ee ture.
Waggoota 26 darbaan faayedaan addaa naannoo Oromiyaa irra argattu kun seeraan osoo adda hin bahiin tureera.
Mormii ummata oromoo cimaan booda faayedaan addaa kun akka adda bahee seeraan tumamu qondaltoonni biyyaatti hima turan .
Haaluma kanan paartiin biyyaatti bulchuu Addi Waraqsa Dimokirasumaa Ummattoota Itoophiyaa faayedaan addaa kana ilaalchisuun ibsa baaseera.
Faayedaan Naannoo Oromiyaa bulchiinsa magaala Finfinnee irra argachuu qabdu kun Dhiyeessii tajaajila, Itti fayyadama qabeenya uumamaa fi eegumsa naannoo akkasumas Magaalattiin walakkaa naannoo Oromiyaatti waan argamtuuf dhimmoota bulchiinsaa akka mata-dureetti kan haamatu jedhameera.
Faayedaan adda amma bahe kun kan naannoo Oromiyaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee irra argatu osoo hin taane, magaalaan Finfinnee naannoo Oromiyaa irraa akka argatuuf kan mijeeffame fakkata jechuun hayyoonni Oromoo mormaa jiru.
Faayedaa addaa jedhame kana keessatti galii magaalaa Finfinnee argatu addaan qoodachuu fi Bulchiinsa magaalaatti Naannoo Oromiyaa wajjiin akka bulchuu kan jedhu dabalate dhimmoonni murtteessa ta’an hin jiru jedhameera
Ibsi mootummaa baasee akka mul’isuutti, Wixinee kanarratti qaamni dhimmi ilaallatu akka mari’ateera.
Yaa ta’u malee Miseensooonni Caffee Oromiyaa dabalatee qaamooleen dhimmi ilaallatu kan irratti mari’atan kan hin jire ta’uu beekameera.
Wixineen amma qopha’ee jedhame kun faayeda adda Naannoo Oromiyaa bulchiinsa Magaalaa Finfinnee irra argatu kan mirkaneessu osoo hin taane galtee Siyaasa qofaaf itti fayyadamuuf kan dhiyaate himameera.
Qondaltoonni Mootummaa naannoo Oromiyaa dhimmichaa ilaalchisuun ibsi kennan akka hin jiru jedhameera.
Faayedaan addaa naannoo Oromiyaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee irra argachuu m malu kana Manni Maree Ministiroota erga irratti mari’atee booda seera ta’ee akka ragga’u gara Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti akka dabarsees himameera .