Weerarri Ilbiisa geerrii haala amma jiruun kan itti fufu yoo ta’e biyyoota baha Afrikaatti hanqinna midhaan nyaata fiduu akka danda’u shakkameera

Biyyoota Baha Afriikaatti weraarri Ilbiisa Geerrii haala amma jirun kan itti fufu yoo ta’e hanqina midhaan nyaata uumuu akka danda’u Dhaabbanni Nyaataa fi Qonna Addunyaa FAOn tamsaa’inna ilbiisaa kanaa fi furmaata isaa ilaalchisuun ogeessota biyyoota Baha Afriikaa wajjiin magaala Finfinneetti marii tasifamee irrati beeksiseeraa.
Weraarri ilbiisa kana akka lakkofsa warra faranjootaa bara 2017 biyyoota bahaa Afriikaa muraasa keessatti mul’ate hatattamaan babal’ataa akka jiru Ilbiisni kun, gosoota midhaanii adda adda kan miidhuu ta’uus irra caalaan Boqqoloo akka miidhuu himameera.
Itoophiyaatti weraarri Ilbiisiichaa yeroo jalqabatiif Naannoo Ummatoota kibbaatti akka mul’ate yoo yaadatamu amma ammaati. boqqoolloo lafa heektaarri kuma 500 ol irratti faca’ee akka miidhee himameera.
Weraarri Ilbiisa Geerrii Ardii Afriikaatti yeroo jalqabaaf biyyoot Dhihaa Afriikaatti akka mul’ate waan beekamu yemuu ta’u,
Yeroo amma immoo biyyoota Afriikaa 25 waliin gahuu Oomisha Boqqoloo irra caalaan miidhaa akka jiru gabaafameera.