Weeraarri Raammoo Geerrii Masii Qnnaan Bltoota irratti miidhaa qaqqabsisaa akka jiru himame.

Weeraarrii raammoo Geerrii ji’a Bitootessaa irra jalqabee Oomisha qonnaa bultoota naannoolee Oromiyaa fi Ummattoota Kibbaa miidhaa akka jiru himameera.
Weeraarri kun godinaalee Oromiyaa Afur, kan naannoo Ummattoota Kibbaa 12 fi Godina naannoo Gaambeellaa tokkotti akka mul’ate Ministeera Qonnaa fi Qabeenya Uumaamaa beeksiiseera.
Weeraarri raammoo Geerrii jedhamuu kun ji’a Guraandhala keessa Naannoo Sabaa fi Sablammoota Uummattoota Kibbaa Godina Shakkaa Aanaa Yakkii Ganda Shooshaatti Boqqoolloo jallisiin faca’e irratti yeroo jalqabatiif akka mul’ate himameera.
Raammoon kun naannoo Oromiyaatti Godinaalee Jimmaa, Iluu Abbaa Booraa, Buunoo Baddallee fi Wallagga Bahaatti Boqqoolloo qonnaan bultoota maasii irra jiru weeraaruun miidhaa qaqqabsiisa akka jiru gabaafameera
Naannoo Oromiyaatti raammoon kun gandoota 384 aanaalee 43 keessatti argaman kan weeraare yoo ta’u, boqqoolloo lafa heektaara 8,978 irra jiru akka miidhe miidiyaaleen biyyaa keessa gabaasaniru.
Yeroo ammas balaa raammoon kana iittisuuf gandoota weerarri kun gaheetti keemikaalli farra raammoo geerrii biifaamaa akka jiru Ministirri Qonnaa fi Qabeenya Uumaamaa Dooktar Iyyaasuu Abrahaa miidiyaalee biyyaa keessatti himaniiru.
Weeraarri raammoo Geerrii kun walumagalatti lafa hektaara kuma 31 irratti akka mul’ate Dr Iyyaasuun dubbataniiru. Hanga ammatti lafa hektaara kuma 27 irratti hojiin weeraara ilbiisa kana ittisu akka hojjatame himaniiru.
Hojiin weeraarri raammoo Geerrii kun balaa dabalata akka hin qaqqabsiisne to’aachuuf jalqabame cimee itti fufa jedhaniiru.
Mootummaan weeraarri geerrii kun oomisha boqqoolloo irratti miidhaa qaqqabsiisaa akka jiru osoo beeku tarkaniiffii hatattamaa hin fudhaneef jechun qonnaan bultoonni dubbataniiru.
Tarkaniiffii mootummaan fudhachaa jiru gahaa waan hin taaneef weeraarri geerrii kun gara godinaalee birootti babal’atee miidhaa qaqqabsiisuu akka danda’u qonnaan bultoonni shakkii qaban himaniiru.