Warshaan Shukkaaraa Tandaahoo hojjattoota hojii irra hin jire 1,500 oliif mindaa kaffalaa jira jedhameera.

Warshaa Shukkaaraa Tandaahoo hanqina fedhii shukkaraa biyyaa keessa furuu fi sharafa biyyaa alaa akka argamsiisuuf ijaaramuus hanga ammatti shukkaraa Omishuu akka hin jalqabne himameera.
Warshiichi hojii akka hin jalqabneef sababa kan ta’e immo shankoorri oomishaaf barbaachisu waan hin geenyeef jedhameera.
Warshaan Shukkara Tandaahoo Waggaatti shankoora toonii kuma 13 daakee shukkaara kumtaalaa miliyoona 3 Oomishu ni danda’a jedhame ture.Yaa ta’u malee warshiichi yeroo ammaa shukkaara oomishuu hin dandeenye.
Shankoorri lafa hektaara baay’ee irratti qophaa’e ture warshichi ijaaramee osoo hin xumuramiin dura waan qaqqabeef jedhamee akka manca’u taasifamuun isaa ni yaadatama.
Ijaarsi warshicha xumurame Oomishaaf yeroo gahuutti immoo shankoorri gahaan waan hin jireef warishiichi Oomishu hin dandeenye jedhameera.
Oduu walfakkatuun Warshaan Sukkaaraa Kasam shukkaraa oomisha jiraatuus hanqina shankooraatiin rakkoo guddaa keessa akka jiru himameera.
Warshaan Kasam oomisha yaalii Caamsaa 2007 kan jalqabe ta’uus, bara 2008itti sukkaara kumtaala kuma 310 oomisheera.
Warshaan bara 2009 keessa shukkaara Kumtaala miliyoona 1 fi kuma 39 ni oomisha jedhamee eegama. Yeroo amma garuu hanqina shankooraa isa mudateen oomisha jedhame kana oomishu hin danda’u shakkiin jedhu akka jiru himameera.
Shankoorri Warshaa shukkaara Tandaahoof lafa hektaaraa hedduu irratti qopha’ee ijaarsi warshiichaa osoo hin xumuramne waan gaheef jedhamee mancafamee biyyaatti kisaaraa birrii miiliyoona hedduuf akka saaxile himameera.
Kana malees warshiichi yeroo amma hojjattoota hojii irra hin jire 1,500 oliif mindaa kaffalaa jiraachuun isaa maallaqni biyyaatti ifaatti akka qisasaamu kan agarsiisuu akka ta’e himameera.