Walitti Bu’iinsi Jirattoota Godina Gujii fi Kooree akka itti fufe himameera.

Walitti bu’iinsi jirattoota godina Gujii fi Kooree Adoleessa 16 bara 2009 sababa saamicha beeldootan jalqabe cimee akka itti fufe himameera.
Walitti bu’iinsa kanan hanga ammatti gamalamanuu namoonni 13 ol akka ajjeeffaman gabaafameera/
Sababni walitti bu’iinsa kana saamicha beeladoota yaa jedhamuu malee tikoonni mootummaa waayyaannee ummataa Oromoo fi Sumaalee walitti buusuuf tattafaacha turan waan hin milkoofne amma immoo saba Kooree wajjiin walitti buusuuf shira qindeessan jedhameera.
Tikoonni Mootummaa kunniin akkuma Pooliisii Liyyuu naannoo Sumaaleetti fayyadamuun ummata Oromoo daangaa irra jiraatu irratti duulaa labsan amma immoo maqaan naga kabachiisu jedhun humna addaa Naannoo Ummattoota Kibbaa bobbasaa akka jiran himameera
Humni Addaa naannoo ummattoota kibbaa walitti bu’iinsa kan gidduu seenuun haleellaa akka bane dhaga’ameera.
Pooliisoonni Federaalaa baay’een gara naannoo walitti bu’iinsaa kanaatti imalaniiru. Miseensoonni Pooliisii Federaalaa baay’een mada’uu akka hin oolees jirattoonni naanniichaa dubbataniiru.
Mootummaan Itoophiyaa Ummattoota biyyaatti addaan qoodee walitti buusuun aangoo irra turuf kanaan dura Liyyuu Pooliisii naannoo Sumaalee sababa dangaa babal’ifachutiin dhalatoota Oromoo naannoo daangaa irra jiraatan irratti bobbasuun kan yaadatamudha.
Ummanni Oromoo shira tikoonni Mootummaa qindeessuun ummata ollaa wajjiin walitti buusuuf winxirfachaa jiran kana akkuma kana dura hundaa ummataarra addaa baasee ilaallu akka qabu jirattoonni naanniichaa hubachiisaniiru.
Mootummaan Itoophiyaa kan ummata Oromoo milka’aafu waan dideef yeroo dhihoo asi immoo ummata Amaaraa fi Affaar waliitti buusuu jalqabeera.
Jirattoonni naannoolee lamanii tokkummaan akka wajjiin hin jiraaneef shira biraa uumuun walitti buusaa akka jiru jiraattoonni aanaalee daangaa naannoo Amaaraa fi Affaar himaniiru.
Saboonni lamaan waggoota hedduuf kabajaa fi jalaalan wajjiin jiraachaa kan turan yoo ta’u amma garuu mormii ummataa cimaa dhufe dadhabsisuuf mootummaa harka lafa jalaan waliitti buusaa akka jiru himameera.