Walitti Bu’iinsa Daangaa Oromiyaa fi Naannoo Sumaaleetti uumamerratti qorannoon akka gaggeeffamu Itoophiyaatti Imbaasiin Ameerikaa gaafate

Waliitti bu’iinsa daangaa Oromiyaa fi Sumaalee wajjin walqabatee oduun dararaa fi Buqqa’iinsa lammiilee irra gahaa jiru ilaalchisee Itoophiyaatti Imbaasiin Ameerikaa ibsa baaseera.

Imbaasiin Ameerikaa Finfinnee jiru dhimmicha ilaalchisuun ibsa baaseen, sababa walitti bu’iinsa daangaa naannolee lamaanii keessattuu oduun gara godina Harargee keessaa dhaga’aamaa jiru baay’ee akka isa jeeqe beeksiseera.

Dararamni daangaa Oromiyaa fi Somaalee irra jiru akka isa jeeqe kan beeksise Imbaasichi, madda balaa kana irratti qorannoon akka gaggeeffamu ibsa baaseen gaafateera.

Ibsi Imbaasiin Amerikaa baasee kun Mootummaan Itophiyaa rakkoo walitti bu’iinsa kanaa haala ifa ta’een qorachuun, qaama balleesse seeratti akka dhiyeessu gaafanna kan jedhuu dha.

Bifuma walfakkaatuun, qaamooleen hawaasa naannoo walitti bu’iinsi itti mudate jiraatan rakkoo kanaaf fala akka barbaadaniif deggersaa fi jajjabeessuun akka barbaachisu imbaasichi himeera.

Itoophiyaan biyya cimtuu, badhaateefi dimokraatawaa ta’uu kan dandeessu marii siyaasaa ifa ta’ee fi hunda hirmaachise gaggeessuu yoo dandeesse jedhee akka amanu Imbaasichi beeksiseera.

Akkasumas Biyyattiin hojimaata mootummaa ifa ta’ee fi dhaabbiilee haqaa fi diimokraasii cimsuu, yoo dandeesse akka ta’e Itoophiyaatti Imbaasiin Ameerikaa hubachiiseera.

Haalli Biyyattii keessa tibbana jiru Jaarmiyaalee haqaa fi diimokiraasii irratti qabatamaan jijjiirama hatattamaa fiduu akka barbaachisu kan mul’isu ta’uu imbaasichi ibsa baaseen beeksiseera.

Liyyuu Poolisiin Sumaalee deggersa mootummaa Federaalaan daangaa Oromiyaa weeraruun lubbuu namoota nagaa galaafachuu akkasumas qabeenya barbaadeessaa akka ture kan yaadatamuudha.

Badii weerara Liyyuu Poolisii sumaalee kana qaamni dhaabsisu waan dhabameef Qonnaan Bultoonnii fi Horsiisee bultoonnii Oromiyaa walqindeessuun daangaa isaanii kabachiisaa jiru.

Liyyuu Poolisiin Sumaalee ergama wayyaanee fudhachuun gandoota daangaa Oromiyaa irratti lola labsan miidhaa guddaa horsiisee bultootaa fi Qonnaan Bultoota Oromiyaa irra gahe haaloo bahuuf tarkaanfii fudhachaa jiru.

Tarkaanfii haaloo bahuu liyyuu poolisii fi wayyaanee kana lammiilee Oromoo naannoo Sumaalee keessa jiraatan qabeenya isaanii irraa saamuun buqqisuun gara oromiyaatti deebisaa jiru.

Minsteerri Muummee Itoophiyaa obbo Haayilamariyaam Dassaleeny weerara liyyuu Poolisii naannoo Sumaalee kana callisanii ilaalaa turaniiru.

Amma garuu balaan kun humnaa ol wayita ta’u, namoota balaa kana uuman seeratti dhiyeessina jechuu jalqabaniiru.