Walitti Bu’iinsa Daangaa Naannoo Amaaraa fi Affaar irratti uumammeen lubbuu namoota baay’ee akka darbe gabaafemeera.

Walitti bu’iinsa aanaalee naannoo Amaaraa fi Affaar waldangeessan irratti tibbaana mudatee lubbuu namoota akka gaalafatame Gaazexxaan Addiis Admaas gabaaseera.
Naannoo Amaaraa Godina Walloo Kaabaa Aanaa Habiru fi naannoo Affaar Aanaa Cifiraattii walitti bu’iinsa meeshaalee waaraanaatiin deeggaramuun guyyoota Afuriif itti fufeen lubbuu namoota 14 gaalafatameera.
Hogganaan Biiroo Dhimmoota Komunkeshinii Mootummaa Naannoo Amaaraa Obbo Xilahuun Nigusuu gamasantiin, waxabajjii 28 bara 2009 walitti bu’iinsi aanaalee naannoolee lamaanii irratti akka jalqabame himaniiru.
Naannoolee lamaaniirra guyyadhuma kana namoonni 8 kan du’an yoo ta’u, 10 immoo mada’uun hospitaalaatti akka yaalaman obbo Xilahuun gaazexxaa kanatti himaniiru
Sababa walitti bu’iinsa kanan namoota du’anii fi mada’aan hopitalaatti yaalama jiran malee abbootiin warraa baay’een qa’ee isaanii gadi dhisuun akka baqatan gabaafameera.
Jirattoota Aanaalee Habiru fi Cifiraa kanan duraas walitti bu’uun lubbuu namoota kan gaalafatame yoo ta’u , yeroo adda addaa nageenyi kan bu’e ta’uus ittififinsaan furamuu akka hin dandeenye himameera
Sababni Walitti bu’iinsa jirattoota ollaa lamaan margaa, bishaan, fi Samamuu beelladoota akka ta’e obboo Xilahuun Nigusuu dubbataniiru.
Walitti bu’iinsa kana itti fufinsaan furuuf naannoolee laman misoomaan walitti hidhuu fi karaa aadaatiin ni hojjatama jedhan.
Walitti bu’iinsa tibbaana ture furuuf magaala Kombolchaatti mari’atamaa akka jirus himaneera.