Waliitti bu’insa saba Hamaar fi hidhatoota mootummaa giddutti umammeen Pooliisiin tokko ajjeeffameera. naannichaatii yeroo ammaa tasgabii dhabameera.

Bethrowthed Hamar girls.

Bethrowthed Hamar girls.

Naannoo sabaa fi sablammoota ummattoota kibbaa, godina Oomoo kibbaatti gandoota lama keessatti waliiti bu’insa saba Hamaarii fi humonoota nageenya gidduutti umammeen pooliisiin tokko waan ajjeeffameef naannichaatti tasgabbiin dhabameera. labsii yeroo hatattamaa hojii irraa oluu wajjiin walqabatee jirattootaa ganda Al-dibbaa akkasumas gandoota olaa fi humnoota nageenyaa gidduutti waliigalteen dhabamuu namoonni ragaa bahan ESATitti
Walitti bu’insa dargaggootaa fi humnoota nageenya gidduuti, naannoo dhiheenya paarkii Maagootti umammee kanan pooliisiin tokkoo yoo ajjeeffamuu Afur immoo midhamaniiru. walitti bu’insa kana booda jirattoonni naannichaa buufata pooliisii tokko weraaruun meeshaa waraanaa saamaniiruu. yeroo amma naannichi to’aataanii jirattoota jala akka jiru jiratoonni beeksiisaniiru.
labsiin hatattamaa kun erga labsamee booda namoonni lakkofsi isaanii hin beekamnee baay’een hadhamanii dararaamaa akka jiran beekameera. Godina Oomoo kibbatti jirattoonni gandoota gara gara laftii isaanii sababa adda addatiin waan irraa fudhatmeef humnoota nageenya mootummaa wajjiin walitti bu’insa keessa akka turan ni yaadatama.
Rakkoon nageenyaa naannichaatti umammee yeroo ammaa furmaata waan hin arganeef sarbamuun mirga namooma fi ukkamsuun namoota nagaa irratti humnoota nageenya mootummaan raawwatamuu haala qabataman beekuu akka hin danda’amne jiratoonni naannichaa maqaan isaanii nageenyaaf jecha hin dhahamnee ESATitti himaniiru
Rakkoo walfakkataan magalootaa naannoolee adda addaa keessatti raawwatamaa akka jiru jiratoonni dhaabbilee sab -qunnamittii adda addaatti himaa akka turan kan yaadatamudha.