Walgahiin Mootummaa fi lammiilee Itoophiyaa biyyota alaa keessa jiraatan wajjiin ta’aamuuf karoorfame akka haqamee beekame.

Walgahiin marii waa’ee walitti dhifeenya Mootummaa fi Diyaspoora gidduu jiru ilaalchisee magaalaa Finfinneetti qopha’ee ture sababa hin beekamneen haqamusaa wajjirri waldaa Diyaspooraa beeksiise.
Diyaspoorawwan marii kana irratti argamuuf gara biyyaa galan, dhaabbilee fi qondalttoota mootummaa dabalatee namoonni 1200 tti dhiyaatan walgahii kanaratti akka hirmaatan wajjirri Waldaa Diyaspooraa beeksiiseera.
Guyyaan walgahii kun sababa hin beekneen guyyaa walgahii yeroo hin beekamneetti darbuusa hirmattootti himuusa waldaan diyaspoora beeksiisera.
Ministeera Dhimmaa Alaatti, darkteeriin Lammiilee Itoophiyaa biyyota alaa jirataanii Obboo Dammaqaa Axinaafuu gama isaanitiin, walgahiin kun haqamuu waldaa diyaspooraa irra akka dhaga’an himan. walgahiichiis sababa maaliin akka haqamee hin beeku jedhan
Qondaltoonni Mootummaa Itoophiyaa walgahii Diyaaspooraa kanaaf qophii haal-duree xumrusaanii beeksiisa akka turan ni beekama . walgahii kanaratti hirmaachuuf diyaaspooraa gara Itoophiyaa demaan jiru moo hin jiraan kan jedhu hin beekamne.
Walgahiin mootummaa fi Diyaspoora kun qabxiilee waa’ee labsii hatattamaa labsamee fi dhimmota biyyoolessaa biroo irratti ni mri’ata jedhamee eegamaa akka ture gaazeexoonni biyyaa keessatti maxxanfaman gabasaaniiru.