Waaraqsi Biyyooleessaa Itoophiyaa Siwudiinnitti walgahii ta’ee kara milka’een xumuramuu beeksiise.

Waaraqsi Biyyooleessa Itoophiyaa dhiyeenya kana paartiilee Afuriin hundeeffame walgahii biyyaa Siwudiin magaalaa Stokolmiitti deeggartoota wajjiin gadhee haala milka’een akka xumuramee beeksiise.
Walgahii kanarratti hogganaan Arbanyooch Ginboot Sabaattii Profesaar Birhaanuu Naggaa, hogganaa Adda Dimokirasummaa Oromoo Obboo Leencoo Lataa fi hogganaan Paartii Ummata Affaar Doktoor Koontee Musaa aragamaniiru.
Siwudiniitti qindeessaan Waarqisa biyyooleessa obboo Zalaallee Tsaggaa-Sillaassee kaayyoo walgahichaa ibsaniiru
Profesaarii Birhaanuu Naggaa Paartiilee Waarqisa biyyooleessa hundi tokkummaa Itoophiyaatti kan amananiifi rakkoo jiru kara dimokratawaa ta’een furuuf sirna dimokaraasii hordofuu murteessa ta’uu kan waliigalan jedhan. kun immoo walitti dhufaan waliin hojjachuuf akka isaan kakase profesaar Birhaanuun beeksiisaniiru.
Waarqasi Biyyooleessa kun kan dhaabbilee malee bakka bu’insa sabaa akka hin qabne profesaar Birhaanuun himaniiru. Eenyuu bakka bu’insa ummataa osoo hin argannee bakka bu’insa sabaafi sablammoota irratti hunda’uun tokkumaa uumuu hin danda’u jedhan.
Dhaabni kamuu Tokkummaa Itoophiyaatti kan amanuuf sirna dimokratawaa hundeessuuf fedhii kan qabu yoo ta’ee miseensa Waaraqsa kanaa ta’uun hojjachuu akka danda’u profesaar Birhaanuun dubbataniiru
Hogganaan Addaa Dimokirasummaa Oromoo Obboo Leencoo Lataa gamasanitiin,qabsoon dhunfaadhaan taasfamuu eesaanuu nama akka hin geenyee muxxannoo waggoota 25nan darbanii barnoota jedhan. Biyyoon dhihaas akka bakka tokkotti qindoofnuuf fedhii qabu kan jedhan obboo leencoon, Waaraqsi biyyooleessa kuniis fagoo deemuu amantii isaanii ta’uu himaniiru.
Ummaanni Affaar tokkummaa Itoophiyaa yeroo kamuu akka hin mormukan jedhan immoo hogganaan paartii Ummata Affaar Doktoor Koontee muusaatti.
Sabaan gurma’uu kan barbadaaniif naannoo isaanii xiyyeeffaannaa akka argatuuf waan ta’eef yeroo Itoophiyaan Dimokratawaa Ijaaramitee siyaasi sabaa akka hafuus doktoor Koonteen beeksisaniiru.
Biyyaa Norweetti walgahicharratti kan hirmaate Atileet Mulgeetaa Zawwudee uffaata fakkii Obboo Andargachoo Tsigee irra jiru Uffaatee ittin Dorgomeefi Waancaa badhafamee Waarqasa biyyoleessa kanaaf kenneera.
Qophii kanarratti galii baay’een akka waliitti qabamees qopheestoonni beeksiisaniiru.