Torban darbee keessaa du’aan kan boqataan Piroofeesar Riichaard Paankirast Sirni awwaalchaa isaanii Bataskaanaa Sillaaseett kibxataa raawwatameera

Seenaa Itoophiyaa irratti waggoota dheeraaf qorannoo fi qo’annoo gaggeessa kan turan Piroofeesar Riichaard Paankirast guyyoota Afur duran waggaa 90 tti du’aan addunyaa kanarra darbaniiru
Sirna awwaalchaa isaanii bakka Pireezdaantii Doktar Mulaatuu Tashoomaa , Phaaphaasota. Maatii isaanii, kutaaleen hawaasaa adda addaa fi hiriyyoonni isaanii argamaniitti guyyaa kibxataa bataskaanaa Sillaasseetti raawwatameera
Piroofeesar Riichaard Paankirast haadhaa isaanii Siilviyaa Paankirastii wajjiin bara 1956 gara Itoophiyaa akka dhufaan seenaa isaanii irra hubatameera
Piroofeesar Riichaard Paankirast jireenya isaanii guutuu qorannoo fi qo’aannoo seenaa Itoophiyaa irratti akka dabarsaan kan yaadatamuu dha.
Professaar Richaar pankiraast barreeffamoota qo’annoo adda addaa 400 addunyaaf gumaachaniiru. Kitaabolee 22 ogeessoota biroo wajjiin ta’uun akkasumas kophaasaaniit barruleen 17 dhimmaa seenaa, aadaa fi duudhaa Itiyoophiyaa Irratti xiyyeeffachuun barreessaniiru.
Professaar Richaard Pankiraas Siidaan Aksuum Xaaliyaanii Romii akka gara Itoophiyaatti deebi’uuf koree hundeeffamee wajjiin adda duraan gahee isaanii akka gumaachaan ni yaadatama
Miseensoota koree siidaa Akasuum gara biyyaatti deebisiisuuf hojjechaa turan wajjiin ta’uun profasaar Richaar Pankiraast Pireezdaant Mulaatuu Tashoomaa harkaa badhaasa fudhataniiru kana maleesa Mootummaa Biriteen harkaa badhaasa akka fudhatamu kan yaadatamuudha
Piroofeesar Riichaard Paankirast Guraandhala 9, 2009 magaalaa Finfinneetti addunyaa kanarraa du’aan kan boqochuun isaanii ni yaadatama. Sirni Awalchaa isaaniis Bataskaanaa Sillassee Katedaraaliitti Raawwatameera.
Sirni awwaalchaa haadha isaanii Siilviyaa Paankirastis Bataskaanaa Sillaaseetti raawwatamunsaa kan yaadatamudha.