Tilmaamni Galii Gibira Guyyaa Daldaltoota Saba Tokkoo Qofa Kan Fayyadu Akka Ta’e Daldaltoonni Himaniiru

Abbaa Taayitaa Galiiwwanii fi Guumruukii Itoophiyaa tilmaama galii gibira guyyaa jechuun daldaltoota biyyaatti unkuraa akka jiru himameera.
Tilamaamni galii gibira guyyaa Ebla 17 hanga Caamsaa 30,2009tti tilmaammaa ture kun olantummaa diinagdee daldaltoota saba tokkoo mirkaneessuuf kan yaadame jedhameera
Ogeessoonni galii gibira guyyaa tilmaaman daldaltoota saba tokkoo meeshaalee isaanii akka dhoksaniif duraasnii odeeffannoo itti himuun gargaara turan jedhame.
Ogeessonni kunniin paartii siyaasa wajjiin hidhata waan qabaniif daldaltoota saba tokkoo adda baasuun galii gibira guyyaa xiqqaa itti tilmaamun fayyadaa akka jiran daldaltoonni markaatoo dubbatniiru.
Daldaltoota toftaan hojii daldalaa keessa baasuu barbaadan immoo galii gibira guyyaa tokkoo mitii torbeetu hin argane itti tilmaamun miidhaa akka jiran daldaltoonni beeksisaaniiru.
Tilmaamni galii gibira guyyaa haala qabatamaa galii daldaltoota xiyyeeffannaa keessa kan hin galchinee fi qaala’insa gatii Oomishaalee adda adda amma jiru irra caalaa akka dabaluuf kan gumaachu jedhaniiru.
Abbaan Taayitaa Galiiwwaanii fi Gumuruukii Itoophiyaa gamasatiin, daldaltoonni komii isaanii dhuunfaa dhuunfaan dhiyeeffachuu akka danda’an miidiyaalee mootummaatti himeera.
Daldaltoonni komii isaanii garee gareen dhiyeeffachuun hojii irratti dhiibaa waan qabuf akka hin danda’amnees abbaan taayitichaa beeksiseera.
Haldureen daldaltoonni komii isaanii dhuunfaa dhuunfaan akka dhiyyeeffartaniif kaa’aame kun ergama dhokate duubaa qaba jechuun daldaltoonni qeeqaaniiru.
Mootummaan dhuunfaa dhuunfaan kan jedhuuf daldaltoota galii gibira guyyaa komatan tooftan adda baafachuun jeequmsa kakasuuf sababa jedhuun hidhuu ni mala jechuun akka shakkaan daldaltoonni himaniiru.
Deeggartoota paartiilee mormitootati fi farreen misoomaati jechun qondaltoonni mootummaa isaan soodachiisa waan turaniif sababa kanatti fayyadamanii isaanii hidhuu akka danda’an himaniiru
Daldaltoonni dhuunfaa dhuunfaa komii qaban mootummaatti yoo dhiyeeffatan carraan isaanii hidhamuu waan ta’uuf filannoo biroo akka hin qabne dubbataniiru.
Mootummaan kutaalee hawaasa gaaffii mirgaa gaafatan koree bakka keessan bu’ee dhimma keessan hordofu filadha jechuun miseensoota koree tokko tokkoon hidhaa akka ture kan yaadatamudha
Tilamaanni galii gibira guyyaa haaraa kun Adoleessa 1 bara 2009 jalqabee hojiirra akka oolu himameera