Tikoonni Wayyaanee Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa aangoorra jiru kan biraan bakka buusuuf shira adda addaa qindeessaa akka jiran dhaga’ame.

Tikoonni Mootummaa Wayyaanee Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Pirezedaant Lammaa Magarsaan hogganamu aangoo irraa ari’uun qaama biraan bakka buusuuf shira gara garaa qindeessaa akka jiran dhaga’ameera.

Haaluma kanaan Pirezedaant Lammaa Magarsaa fi kabinoota isaa aangoo irraa fonqolchuun Kantiibaa Magaalaa Finfinnee obbo Dirribaa Kumaa bakka buusuuf tikoonni Wayyaanee guyyaa fi halkan hojjechaa akka jiran keessa beektonni himaniiru.

Tikoonni Wayyaanee qondaaltota OPDO aangoo irraa buusuun kan amantummaa irraa qaban gara aangootti fiduuf tooftaalee gara garaatti fayyadamaa akka jiran beekameera.

Tooftaan Liyyuu Poolisii naannoo Sumaaleetti fayyadamuun gandoota Oromiyaa daangaa naannolee lamaanirra jiranirratti tarkaanfii fudhachuun namoota nagaa ajjeesuu fi qabeenya saamuun tokko ta’uusaa dhaga’ameera.

Tikoonni Wayyaanee Ayyaanni Irreecha baranaa karaa nagaan akka hin kabajamneef namoota ergama isaaniif itti fayyadaman gurmeessuun meeshaa waraanaa hidhachiisuun magaalaa Bishooftuu galchaa akka jiran beekameera.

Weerara Liyyuu Poolisiin Sumaalee kallattiiwwan adda addaa gandoota Oromiyaa daangaarra jiraniratti bante mootummaan Federaalaa osoo arguu akka hin arginee, osoo dhaga’uu akka hin dhageenyetti bira kan darbuuf shira tikoota wayyaanee waan ta’eef jedhameera.

Mootummaan Federaalaa tikoota wayyaaneen hogganamu callisuu kan filateef sababa kanatti fayyadamuun Lammaa Magarsaa fi Kaabinoota isaa aangoo irraa kaasuun kan biraa gara aangootti fuduuf yaaduun akka ta’e ragaaleen mul’isaniiru.

Tikoonni Wayyaanee nama shakkii fi gaaffii tokko malee ajaja fudhachuun fedhii Naannoo Tigraay Oromiyaa keessaa qabdu raawwachisuuf filachaa akka turan keessa beektonni himaniiru.

Haaluma kanaan, Pirezedaant Lammaa Magarsaa fi kabinootasaa Uummanni Oromiyaa hin barbaadu jechuun aangoo irraa kaasuun Kantiibaa magaalaa Finfinnee Obbo Dirribaa Kumaa Pirezedaantii Naannoo Oromiyaa gochuun muuduuf qophii akka xumuran himameera.

Uummanni Oromoo waggoota 26’n darban Bulchiinsa ergamtoota tikoota wayyaanee OPDO jaallatee osoo hin taane dirqamee jalatti bulaa akka jiru qabsoon yeroo adda addaa gochaa ture ragaa gahaa dha.