Tajaajilli Baabuuraa magaalaa Finfinnee Humni ibsaa waan addaan ciccituuf tajaajila gahaa kennu akka hin dandeenye beeksiiseera.

Tajaajil Baabuuraa magaalaa Finfinnee humna ibsaa gahaa waan hin arganeef mamiltoota isaaf tajaajila geejjibaa gahaa kenna akka hin jire himameera.
Dhiyeessiin humna ibsaa furmaata kan hin arganne yoo ta’e, filaannoo biraatti fayyadamuuf Jeneretaara bituuf karoora akka qabu hogganaan dhimmoota Komunikeshinii obboo Awaqaa Muluu himaniiru.
Tajaajilli Baabuura magaalaa Finfinnee maallaqaa liqii Mootummaa Chaayiiinaa irra argame dolaarii biiliyoonaa dhibba Afurii fi biiliyoona 75n kan ijaarame.
Tajaajilli Baabuuraa kun waggaa tokkon dura tajaajila Gejjiibaa kennuu akka jalqabe ni yaadatama.
Pirojektiin tajaajila Baabuuraa kun gutumaatti osoo hin xumuramin rakkoon dhiyeessi humna ibsaa mudateen tajaajila geejjibaa haala amansiisaa fi itti fufiinsaan akka hin laaneef gufuu itti ta’eera
Rakkoon humna ibsaa tajaajila Baabuuraa magaalaa Finfinnee kan mudate kuusaa dhiyeessii humna ibsaa biyyaaleessa irra akka ta’e obboo Awaqaan dubbataniiru.
Addaan ciccituun humna ibsaa , konkolatoonni sarara daandii Baabuuraa irratti balaa qaqqabsiisuu akkasumas lakkofsi baabuura tajaajila kennanii xiqqaa ta’uun hanga yaadamen tajaajila geejjibaa akka laaneef sababa jedhaniiru.
Hogganaa Itti-aanaa Humna Ibsaa Itoophiyaa Obboo Abbaabaa Kaahisaay gamasantiin, rakkoon addaan ciccitruu humna ibsa kun buufatalee tamsaasa humna ibsaa irra akka ta’e himaniiru.
Rakko kana furuuf akka hojjatan dubbataniiru
Waggoota hedduuf hogganaa Koorporeeshinii Daandii Baabuuraa Itoophiyaa kan turan Doktoor Getaachoo Batiruu fedhiin aangoo isaanii akka gadi dhiisuun ni yaadatama.