Sumaliiyaatti ,hoggantoonni fi ajajatoonni looltoota Itoophiyaa daladala meeshaa waaraanaa fi malanmaltummaa adda adda irratti hirmaatanii akka argaman miidiyaaleen biyyaatti gabasaniiru

Sumaliiyaatti waggoota baay’eef Ajaaja lolotoota Itoophiyaa ta’uun kan tajaajila jiran Hayilee Gabree daladalaa seeraan alaa kana irratti hirmaachuun qabeenya kuufachaa akka jiran Gaazeexxaan Suunaa Taayimiis jedhamu suuraa hogganaa kana maxxansuun gabaaseera
Lammiilee Sumaliiyaa biraatti maqaa Jeneraal Gabree jedhamuun ni beekamu jedhameera. Ajaajaan loltoota Itoophiyaa Hayilee Gabree mootummaa sumaliiyaa wajjiin waliigaluun maallaqaa maqaa nageenyaattiin arjomamu saamaa akka jiran gaazeexxaan kun namoota Hayilee Gabree wajjiin walitti dhufeenya qaban waabeffachuun gabaaseera.
Dureeyyoonni biyyaatti deegarsa Mootummaa Itoophiyaa argachuun caasaa mootummaa sumaliiyaa keessatti aangoo argachuu barbaadan ajaajaa loltoota kanaaf maallaqqaa malanmaltummaa akka kennaniis gabaafameera
Loltoonni Itoophiyaa yeroo gara Sumaliiyaatti bobba’aanii jalqabee ajaajoonni waaraanaa bulchiinsa kibbaa Sumaliiyaa keessatti gurgurtaa meeshaa waaraanaa xixiqqaa irratti bobba’uusaanii gaazeexxaan kun gabaaseera.
Hayilee Gabree hidhattoota Sumaliiyaa adda addaatti meeshaa waaraanaa gurguruun ni beekamu jedhameera . Akka lakkofsa warra faranjoota bara 2002 hidhatoonni Sumaliiyaa keessa jiran marii araaraa keeniyaatti ta’aan irratti Hayilee Gabree Itoophiyaa bakka bu’uun marii kanaratti akka argaman gabaafameera.
Bakka bu’aa mootummaa kana maddii ajaajooni waaraanaa baay’een akka jiran gabaafameera. Hoggansi lammiilee Sumaliiyaa biraatti Jeneraal Gabree jedhamanii beekkaman kun dhiyeenya gara buufata doonii Jibuutiitiin meeshaalee ijaarsa Dubaayii qaraxaa malee gara biyyaa keessaa akka galchaan beekameera
Sumaliiyaattii Ajaajaan loltoota Itoophiyaa kun biyyaa Tokkummaa Arab Imiretiis dhaabbata daldalaa maqaa fira isaaniitiin hogganaan akka qaban Gaazeexxaan kun maddaalee odeeffannoo Dubaayii fi Jibuutii irra argate waabeeffachuun gabaseera
Ajaajan loltoota Itoophiyaa Hayilee Gabree Maallaqaa biyyooni dhihaa biiyyoota Baha Afriikaa gargaaruuf ergan qondaltoota mootummaa Sumaliiyaa wajjiin qindomuun karaa seeraan alaatiin akka mancaasaan gabaaseera.
Gabaasa kana ilaalchiisuun mootummaa Itoophiyaa fi Sumaliiyaa irraa deebiin kenname hin jiru.