Sochiin biyyaalleessaa Itoophiyaa haaraa uumame mootummaa federaalawaa guddina fi dagaagina fidu hundeessuun kaayyoo isaa ijoo akka ta’e beeksise.

Sochiin biyyaalleessaa  Itoophiyaa haaraa uumame mootummaa federaalawaa guddina fi dagaagina fidu hundeessuun kaayyoo isaa ijoo  akka ta’e beeksise.

 

Ibsi paartiilee afuran sochii biyyaalleessaa Itoophiyaa irra bahe akka mul’isutti, kaayyoon tokkummaa kanaa Itoophiyaa saba fi sablammooni ishee mirga isaanii kabajatanii fi birmadummaan ishee eegame uumu akka ta’e ibseera.

Sirna mallattoo Meeriilaand silverspring tti taa’ame irratti Dura taa’aan Adda Dimmokirtwaa Oromoo obbo Leencoo Lataa, dura taa’aan Arbanyoch Ginbot Sabbat Dr Birhaanuu Naggaa, fi hoogganaan paartii ummata Affar Dr Kontee Muusaa akkasumas dura taa’aan sochii saba  Sidaamaa Obbo Baqqalee Waariyyoo mallatteesaniiru.

Sochiin biyyaalleessa Itoophiyaa kakka’umsa fi qindeessummaa Piroffessor Geetaachoo Bagaashaw fi Ajaja kumaa Daawit Walda Giyoorgisiin gaggeeffame kun kufaatii TPLF booda sirni cehumsaa tasgabbaa’aan akka jiratuuf bu’uura kan buuse akka ta’e beekameera.

Partiin cimaan ummata Amaaraa bakka bu’u waan hin jirreef paartiin cimaan akka dhufutti bakka bu’aan dhaaba Amaaraa waliigalaa duraanii obbo Hayila Gabriel Ayyaalew akka taajjabitti argamaniiru.Sochiin biyyaalleessaa Itoophiyaa dhaabileen biroonis akka sochii kanatti makamaniif waamicha godheera.