Sirnii bittaa iyoophiyaa Malaanmaltummaadhan walqabatee Qondaltoo Mootummaa fii Daldaltoota 30 ol to’aannoo jala akka oolche dubbataa jira.

Minstirri Dhimmoota Komunikeshinii sirnichaa Doktoor Nagarii leencoo miidiyaaleetti jaraat akka himaniti//
Tarkaniiffi Qondaltoota Mootummaa Olaanoo fi Daldaltoota malaanmaltummaa shakkaman to’aannoo jala oolchuu kun qorannoo fi hordoffii yeroo dheeraan booda akka ta’eedhaa.
Qondaaltonni kun Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Itoophiyaa, Koorporeeshinii Shukkaaraa, Ministeera Maallaqaa fi Walta’umsa Diinagdee, Abbaa Taayitaa Daandiiwwan magaalaa Finfinnee fi Dhaabbilee mootummaa keessa hojjechaa kan turan hadubbatamuu malee eenyummaan isaani amma oduun kun qophaa’eeti ifatti hin bane.

Tarkaaniiffi Qondaltoota mootummaa fi Daldaltoota to’aannoo jala oolchuu kun yeroo daldaltoonni biyyaatti tilmaama gibiraa galii guyyaa mormuun manneen daldalaa isaanii cufanii mormii irraa jiran ta’uun waan beekamuudhaa.

Tarkanniiffii kana ilaalchisee namoon yaada kennan akka jedhaniti , Qondaltoota Mootummaa Olaanoo malaanmaltummaan shakkaman to’aannoo jala oolchuun kun jalqabaa hoggantoota Koorporeshiinii Sibilaa fi Injinariniig akkasumas hioggantoota Koorpereshiinii Shukkaraa Itoophiyaa Obboo Abbay Tsahaayeefaa irraa jalqabuu qaba turee.
Karaa biraatiin Tarkaniiffii to’aannoo jala oolchuu kun daldaltoota Paartii wajjiin hidhata hin qabne laamisheesuf akka ta’es himamaa jiraachun beekameeraa.