Sirnii bittaa Itoophiyaa Arbanyooch Ginboot Sabaat fi Addi Bilisummaa Ogadeen tokkummaa Biyyaattii diiguuf yaalaa jiru jechun Fiilmii dokumantarii maqaa xureessu qopheessaa akka jiru barameera.

Arbanyooch Ginboot Sabaat tokkummaa Itoophiyaa diiguuf Adda Bilisummaa Biyyaaleessa Ogadeen wajjiin hojjachaa jira jechuun Mootummaan Itoophiyaa Fiilmii Dokumanantarii qopheessaa akka jiru himameera
Fiilmii kana keessatti miseensoota Arbanyooch Ginboot Sabaat keessa turan fakkeessuun amma immoo gareen kun tokkummaa biyyaa diiguuf kan qabsa’u waan ta’eef dhiisaanii keessa akka bahaan ni dubbatu jedhameera
Fiilmiin Dokumantarii Televizhiinii Itoophiyaan akka tamsaasamu eegamu kun gareen Arbanyooch Ginboot sabaat tokkummaa Itoophiyaa diiguuf waan karoorfateef sababa kanan gariich diigama jira kan jedhu irratti xiyyeeffata.
Namoota Fiilmii dokumantarii kana keessatti yaada kennaniis sobaan kun immo maallaqaan bitamanii akka ta’e dhaga’ameera.
Fiilmii Dokumantarii sobaa kana Pooliisii Federaalaa fi Koorporeshiinii Biroodkaastiing Itoophiyaa akkasumas Dhaabbata Televizhiinii Waayyaannee haaraa hundeeffame INN jedhamu wajjiin akka qopheessaan himameera.
Kaayyoon Fiilmii Dokumantarii kanaas Arabanyooch Ginboot Sabaat tokkummaa Itoophiyaa diiguuf kan kayyeeffate fi mirga sabaa fi sablamoota kan hin kabajne jechuun maqaa xureessuuf akka ta’e beekameera