Sirni Awalchaa ogeessa seeraa beekkamoo Obboo Tashoomaa Gabramaariyaam raawatameera

Sirni Awalcha ogeessaa seeraa beekkamoo obboo Tashoomaa Gabramaariyaam Bataskaanaa warraa Ortodksii Sillaassee Katederaaliitti raawwatameera.
Obboo Tashoomaa Gabramaariyaam waggaa 86 tti tasa du’aan addunyaa kanarra boqatan. Obbo Tashoomaan bara Mootummaa Hayilasillaasee Abbaa Alangaa Waliigalaa akkasumas Ministiir Dee’eetaa Minsteera Albuudaa ta’uun hojjataniiru.
Mootummaan Haayilasillaasee angoo irraa wayita bu’u qondaltoota mootummaa hidhaman keessa tokko turan. Obboo Tashoomaa waggoota saddeetiif erga hidhamanii gadii dhifamanii booda dhaabbataa Abukaatoo hundeessuun tajaajila gorsa seeraa kenna akka turan seenaa isaaniirra hubatameera. dhaabbata Abukaatoo hundeessan kanan tajaajila gorsa seeraa hanga kaabaa Amerikaatti kenna akka turan himameera.
Filannoo bara 1997 booda hoggantoota Paartii Qindominaa hidhamaniif kaffaltii tokko malee tajaajila seeraa kennaa akka turan himameera.
Ogeessi seeraa beekkamoo Obboo Tashoomaa Gabramarariyaam abbaa dubra tokko akka turan seenaa jireenya isaanii sirna awalcha isanirraatti dubbifameera hubachuun danda’ameera