Sirni Awalcha dargaggoota Oromoo gaafa kamisaa magaala Ambootti loltoota Agaaziin wareegamanii raawwatame.

Dargaggoonni Oromoo sirni awlachaa isaanii gaafa jimaata rawwatame kunniin dhirra 7 shamaree tokko waliigalatti dargaggoota saddeet ta’uun beekameera.
Jirattoonni Magaalaa Amboo fi naannoo ishee kumatamatti lakkawamna xiiqii guddaa fi dhadannoodhan dargaggoota wareegaman isaanii loltoota agaaziin ajjeeffaman akka awaalan beekameera.
Bu’aan qabsoo dargaggoota Oromoo magaala Amboo ammaa fi kana dura yeroo adda addaa loltoota Agaaziin wareeggamanii bilisummaa ta’uu akka qabu qeerroon Amboo dhaamaniiru.
Loltoonni Agaazii guyyaa kamisaa jirattoota magaala Amboo irratti kallattiin dhukaasun lubbuu namoota heddu wayita gaalafatan namoota baay’ee immoo miidhaa qaamaa irran gahuun kan yaadatamudha.
Loltoonni Agaazii manneen barnoota magaala Amboo keessatti argaman keessa qubatanii akka jiran himameera.
Oduu walfakkatuun, magaaloonni godina Shawaa Lixaa fi godinaalee Oromiyaa biroo to’aannoo loltoota Agaazii jala galaa akka jiran ragaaleen mul’isaniiru
loltoonni Agaazii kuma heddu yeroo ammaa magaaloota Holotaa, Giincii Geedoo, Amboo, Ejeree, Gudar fi Baakkoo akkasumas gandoota baadiyaa keessa bobba’uun ummataa darara jiru jedhameera.
Tarkaniiffiin ajjeecha dargaggoo Oromoo magaala Amboo irratti raawwatame kun lammiilee Oromoo hunda dalansiseera jira.
Gochi gara jabeenya mootummaa waayyaannee dargaggoo oromoo irratti fudhatu kun qabsoon ummata oromoo xiiqii fi kutannoo guddaan cimee akka itti fufu taasisa malaee duubaatti akka hin deebisne himameera.
Oduu biraan immoo tikoonni waayyaannee namoota Afaan Oromoo dubbachuu hin dandeenye magaloota Oromiyaa keessatti bobbasuun qabeenya ibidan gubbisisaa akka jirtu himameera.
Haaluma kanan, ergamaan waayyaannee tokko gaafa kamisaa guyyaa adiin konkolaata qoricha fe’ee jiru tokko ibidaan gubuun dhokachuuf wayita yaalu hirmaannaa qeerroo fi pooliisii Oromiyaan to’aannoo jala ooleera.
Namichi kun Afaan Oromoo kan hin dubbannee yoo ta’u, waayyaanneen ummataa Oromoo sabaa fi sablamoota biyyaatti biroo wajjiin walitti buusuuf toofta kan fayyadamuu jiraachushe himameera.
Tikoonni waayyaannee gocha badii magaloota Oromiyaa adda addaa keessatti raawwachuuf bobba’an kunniin meeshaa waraanaa fi bareeffamoota gara garaa wajjiin to’aannoo jala oolfama jiru.