Sirna bittaa Itoophiyaa amma jiru kanatti kaaffaltiin maallaqaa alaa birrii Biiliyoona 500 fi biiliyoona 75 ol akka gahe himame

Kaffaltiin dhala maallaqa alaa Itoophiyaan bara 2009 kaffaluu qabdu birrii biiliyoona 3 irra gara birrii biiliyoona 10 ti akka ol guddateef, kaffaltiin waggaat kaffaluu qabdu birrii biiliyoona 14 irra gara birrii biiliyoona 25ti ol guddachuun himameera.
Mootummaan walakaa Kaffaltii maallaqa alaa kana sharafa daladala alaa irra argamuun akka kaffaluu hima yoo tures. Sharafin daladala alaa irra argamu xiqqachaa waan dhufeef karoora kana milkeessuun hin danda’amne jedhame .
Itoophiyaan Bara 2008 galiin daldala alaa irra argatte biiliyoona 72 yoo ta’u, bara 2009 xumurama jiru kanatti immoo galiin daladala alaa argamu birrii biiliyoona 5 n hanqina akka qabu Gaazexxaan Addis Admaas gabaasera.
Haaluma walfakkatuun bara 2008 kaffaltiin maallaqaa alaa Itoophiyaa irra jiru birrii biiiliyoona 500 fi biiliyoona 40 yoo ta’u, waggaa tokko keessatti birrrii biiliyoonni 35n itti dabalameera.
Mootummaan birrii baay’ee maxxansiisaa waan jiruuf humni bituu birrii gadi bu’aa akka jiru himameera.
Humna bituu birrii wajjiin walqabatee qaalaa’insi Oomishaalee adda adda wagga waggaa dhibeenta 10n dabalaa akka jiru ragaaleen Minsteera Daldalaa irra argaman ni mul’isu