Siibiilli Ijaarsa manneen kondominiyeemii sagantaa 40/60 jedhamuuf bitame konkolattotaa wajjin akka bade himame.

Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti, Interpiraayiziin Misoomaa Manneen Qusannoo siibiilli ijaarsa manneen sagantaa 40/60 jedhuuf bite konkolaattota Siinoo Tiiraakii 15nitti fe’amee ture akka bade gabaafameera.
Ijaarsa manneen Kondominiyeemii sagantaa 40/60 jedhamuuf siibiilli birrii miliyoona baay’een bitame mana kuusaa Muummee Interpirayiziichaa Aqaaqiitti argamutti kan kuufamu ture.

Siibilli ijaarsa manneen Interpirayizichi ijaarsisuuf akka ooluuf bitame kun hangi isaa kan hin beekamne yoo ta’u, konkolattota siinoo Tiraakii 15nitti fe’amee akka ture Gaazexaan biyya keessatti maxxanfamu gabaseera.

Sadasa 9 bara 2009 konkolaattonni siibiila fe’anii mana kuusaa wayita gahan hoggantoota mana kuusichaatiin bakka biraatti akka buusaniif ajajaman jedhama.
Hoggantoota mana kuusaa wajjin sanadii wal harkaa fudhiinsaa waliif kennuu danda’u jedhamee akka shakkamus gabaafameera.

Konkolattonni kunniin siibila fe’anii wajjin akka badan yookan dhokatan kan taassifameef itti yaadamee fi haala qindaa’een ta’uu mala shakkiin jedhu akka jiru maddeen odeeffannoo himaniiru.
Abbaan Adeemsa Dhimmoota komunikeshinii Interpirayizichaa Obbo Yohaannis Abbaayineeh gama isaaniitiin magaalaa Jijjigaatti hojii irra turee deebi’aa jira waan ta’eef, hin dhageenye hin beeknu jedhan.

Itti gaafatamaan Interpirayizichaa Obbo Hayiluu Qana’aas wajjin jira waan ta’eef waan beeknu hin jiru jechuun dubbicha dhoksuu filataniiru.

Siibilli ijaarsa konkolattota Siinoo Tiraakii 15tti fe’amee bade jedhame kun hangamiin akka fe’ame yeroof beekamuu baatus baay’ee ta’uu akka malu ogeessonni tilmaamaniiru.