Sababa walitti bu’iinsa daangaa Oromiyaa fi Sumaleetiin namoonni kuma 35 ol qa’ee isaaniirraa akka buqqa’an himame.

Sababa walitti bu’iinsa daangaa Oromiyaa fi Sumaaleetiin namoota kuma 35 ol qa’ee isaaniirraa buqqa’aniif gargaarsi hatattamaa akka isaan barbaachisu himameera.

Lammiilee balaa hoongeetiif saaxilamanii wajjin walqabatee dhiyeessiin gargaarsaa rakkisaa akka ta’es himameera.
Sababa walitti bu’iinsa daangaa kanaan Godina Harargee Bahaatti abbootiin warraa kuma 14 ol, Godina Baalee, abbootiin warraa kuma 15 ol akkasumas godina Gujiitti, abbootiin warraa kuma 1 fi 500 ol qa’ee isaniirra buqqa’aniiru.
Sababa kanaan lammiilee kuma 35 ol qa’ee isaniirraa buqqa’aniif gargaarsi yeroo hatattamaa gahaa hin taane kennamaafii akka jiru hogganaan Dhimmoota Komunikeshinii Qajeelcha Sodaa Balaa Oromiyaa Obbo Lammaa Wataree Gaazexaa Addis Admaasitti himaniiru.

Naannichatti gargaarsa lammiilee balaa hoongeef saaxilamaniif idileen kennamaa jiru biratti namoota sababa walitti bu’iinsa daangaatiin qa’ee isaniirraa buqqa’an waan itti dabalameef gargaarsi kennamu rakkisaa fi gahaa akka hin taane gumaachuusaa dubbataniiru.

Yeroo ammaas gargaarsi yeroo hatattamaa Fannoo Diimaa fi Arjomtotni biroon kennaa jiran gahaa waan hin taaneef lammiileen hundu hirmaachuu qabu jedhan.

Sababa hongeetiin naannichatti hanqinni bishaanii guddaan jira jedhameera.
Lammiilee sababa walitti bu’iinsaan qa’ee isaaniirra buqqa’aniif dhiyeessii bishaanii, nyaata , bakka jireenyaa fi uffanni halkanii kennamaafii jiras jedhameera.

Barattoonni manneen barnootaa naannoo walitti bu’iinsa daangaa kana irra jiranitti baratan barnoota isaanii gidduutti addaan kutuuf akka dirqamanis himameera.

Hoggantoonni olaanoon Mootummaa walitti bu’iinsa daangaa naannolee lamaanii kakaasan jedhaman adda bahanii akka beekaman Ministeerri Muummee Itoophiyaa Obbo Hayilamariyaam himuun isaani ni yaadatama.

Walitti bu’iinsi naannolee lamaanii ji’a Afuriin dura jalqabame kun yeroo ammaas itti fufee akka jiru jiraattonni naannoo daangaa irra jiraatan himaniiru.

Akka jiraattonni kunniin jedhanitti miseensonni Liyyuu poolisii naannoo Sumaalee meeshaa waaraanaa gurguddoo hidhatan daangaa Oromiyaa weeraruun namoota ajjeesuu, qabeenya saamuu akkasumas alaabaa naannoo sumaalee daangaa Oromiyaa keessatti fannisaa akka jiran beekameera.
Humni Raayyaa ittisa biyyaa fi Poolisiin Federaalaas humnoonni naannoo Sumaalee kunniin meeshaa waaraanaa gurguddoon daangaa Oromiyaa seenan yeroo isaan haleellaa raawwatan akka nama hin argineetti akka callisan jiraattonni beeksisaniiru.