Sababa walitti bu’iinsa daangaa Oromiyaa fi naannoo Sumaalee wajjiin walqabatee lammiileen Oromoo kuma 600 ol buqqa’aniiru.

Weerara hidhattoonii naannoo Sumaalee daangaa babal’ifachuu fi qabeenyaa saamuuf gandoota daangaa Oromiyaa irratti labse wajjiin walqabatee dhalattoonni Oromoo baay’een qe’ee isaaniirra buqqa’aniiru.
Sababa walitti bu’iinsa daangaa kanan dhalattoonni Oromoo gandoota Oromiyaa daangaarra jiran 458,488 akkasumas naannoo sumaalee keessa immoo Oromoo waan ta’an qofaf lammiileen 145,445 waligalaatti dhalattoonni Oromoo 603,933 akka baqa’aan himameera
Lammiileen Oromoo sababa walitti bu’iinsa daangaan qa’ee fi qabeenyaa isaaniirra buqqa’aan mootummaa Federaalaarra gargaarsa argachaa akka hin jire gabaafameera.
Dhalattoonni Oromoo biyyaa keessaa fi biyyoota alaa jiraatan lammiilee sababa walitti bu’iinsan kana qe’ee fi qabeenya isaniirra buqqa’aan maallaqaan fi akaakuun gargaara akka jiran Biiroo Dhimmoota Komunikeshinii Oromiyaarra irra hubatameera.
Gargaarsa lammiin lammiif jedhun jalqabame ammas cimee kan itti fufe yoo ta’u, koreen gargaarsa walitti akka qabu hundeeffamees qamoolee adda adda wajjiin qindominaan hojjacha jira.
Lammiileen Oromoo qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an baay’een gara bakka duraan irra buqqa’aniitti deebi’uu akka hin barbaanne qorannoon koree gargaarsa fi deebisanii dhaabuu mul’iseera.
Lammiileen Oromoo sababa weerara Liyyuu Pooliisii naannoo sumaaleen qe’ee fi qabeenya isaniirra buqqa’aan dhibbeentaan 97 bakka duraan dhufanitti debi’uu akka hin barbaanne hogganaan koricha Dooktar Abarraa Dheeressaan himaniiru
Dhaltoonni Oromoo dhibbeenta 3 immoo qabeenya baay’ee fi maatii isaanii naannoo Sumaaleetti dhiisanii waan buqqa’aniif bakka duraatti deebi’uuf akka dirqamana himameera
Dhalattoonni Oromoo sababa weerara Liyyuu Pooliisii Naannoo Sumaaleen buqqa’aan kuma dhibba jahaa fi kumni sadii fi 933 buufatalee adda addaa keessatti gargaarama jiru.