Sababa Ijaarsi Pirojektii Warshaa Shukkaraa Xaanaa Balaas harkifateen Shankoorri birrii Biiliyoona 7 olitti tilmaamu manca’eera .

Ijaarsi Pirojektii Shukkaraa Xaanaa Balaas yeroo itti ni xummurama jedhamettii waan hin xummuramneef shankoorri dhaabbatee ture yeroo tajaajila waan irra darbeef biyyaatti kisaara birrii biiliyoona 7.4 akka saaxile gabaafameera
Pirojektii Shukkaraa Xaanaa-Balaas shankoorri lafa heektaara kuma 13 fi 147 irra dhaabbatee ture keessa kan lafa heektaara kuma 12 fi 206 jiru yeroon tajaajila akka irra darbe himameera.
Shankoorri kun erga dhaabbatee ji’oota 31 hanga 51 waan ta’eef waan dulumeef tajaajila kennuu akka hin dandeenyedha kan himamee.
Lafa Shankoorri kun irra dhaabbate qulqulleessun kan biraa dhaabuuf immoo birri biiliyoona tokko ol barbaachiisa jedhameera.
Lafa heektaara tokkorra shankoorri kumtaalli kuma kudha shani akka argamu himameera. Shukkaarri kumtaalli tokko immoo birrii kuma 1 fi 400tti gurgurama jedhameera.
Ijaarsi Pirojektii Shukkaraa Xaanaa-Balaas hanqina fedhii shukkaara biyyaa keessatti mul’atu furuun sharafa alaa ni argamsiisa jedhame waggoota jahaan dura akka jalqabame ni yaadatama.
Pirojektiin kun naannoo Amaaraa Aanaa Jaawwii akkasumas Naannoo Beenshanguul Gumuuz aanaa paawee lafa heektaara kuma 75 akka uwwisu himaeera.
Sababa ijaarsa Pirojektii kanan naannoolee lamaan keessa abbootiin warraa kuma 1 fi dhibba sadii lafa isaanii irraa buqqa’aniiru.
Pirojektii kana Koorporeshiinii Injinariniigii fi Sibiloota jeneraloota waayyaannee hogganamu akka ijaaruuuf caalbaasii malee akka kennameef kan yaadatamudha.
Koorporeshiiniin Injinariingii fi Sibloota Jeneraloota waayyaannee hogganamu maqaa ijaarsa pirojektoota shukkaara haaraatiin kisaara birrii Biiliyoonaa 77 ol biyyaatti irran gaheera.