Reeffi Pirofessaar Asraat Waldayaas bataskaana Katederaalii Sillaaseetti awalameera

Pirofessaat Asraat Waldayaas waggoota 18 dura mana hidhaa mootummaan Itoophoiyaa keessatti dhukkubsaachaa erga turanii booda yaalaaf gara Amerikaa erga dhufanii booda du’aaniiru.
Sirni Awalchaa isaaniis magaalaa Finfinnee bataskaana Balawaldiitti raawwatamuun ni yaadatama. Yaa ta’u malee, amma sababa hin beekamneen reeffi isaanii bakka dura itti awalamee akka ka’u murteeffameera.
Haaluma kanan Reeffi Pirofessaar Asraat Waldayaas bakka firoonni, diinqisfatoonni fi bakka bu’oonni paartiilee Siyaasa baay’een argamaniitti dilbaata darbe kabajaan bataskaanaa Katederaalii Sillaseetti awalameera
Hayyuun Fayyaa beekamoo fi hundeessaan paartii Guutuu Tokkummaa Ummataa Itoophiyaa kan turan Pirofessaar Asraat Waldayaas reeffi isaanii waggoota 18f awalamee bakka ture bataskaana Balawaldiitii sababa hin beekamneen akka ka’u murta’uun ummata dalansiiseera.
Pirofessaar Asraat Waldayaas jeequmsa kakasuuf jedhamanii himatamaanii mana hidhaa keessa akka turan ni yaadatama.