Raayyaan Ittisa Biyyaa Naannoo Oromiyaa keessatti Namoota Baay’ee Ajjeessaa jira

Raayyaan Ittisa Biyyaa naannoo Oromiyaa keessatti gara jabeenyaa fi jibbaan guddaan namoota nagaa baay’ee ajjeessuun mormii ummataa kaasaa jira.
Naannoo Oromiyaa keessatti namoonni nagaa 30 ol tarkaaniiffii jibbaa fi gara jabeenya raayyaan Ittisa biyyaa fudhateen wayita ajjeeffaman 37 ol akka madaa’aan gabaafameera.
Loltoonni Agaazii dhalattoota waayyaanneen hogganaman magaala Ambootti namoota nagaa addaa fi Onnee isaanii rasaasaan dhahuun akka ajjeessan himameera
Magaala Ambooti torbee darbee keessa namoonni 10 ol loltoota Agaaziin ajjeeffamun isaanii gabaafameera
Miseensoonni Pooliisii Oromiyaa fi jaarsooleen biyyaa rakkoo ture nagaan hiikaa osoo jiran loltoonni Agaazii kallaattii laman dhufan namoota nagaa irratti dhukaasa banuusaanii himameera
Tarkaniiffii loltoonni Agaazii lammiilee nagaa irratti fudhatan kana wajjiin walqabatee mormii magaalaa Naqamteetti uumameen namoonni sadii akka ajjeeffaman gabaafameera.
Namoonni kudhan miidhaan qaamaa salphaa fi cimaa irra gahe yaalama akka jiran ragaaleen ni mul’isu .
Deeggartoonni waayyaannee walitti bu’iinsa tibbaana magaalaa Naqamteetti uumamee lubbuu namoota sadii galaafate kana sabarratti waan xiyyeeffate fakkeessuun oduu soboo miidiyaalee hawaasummaa irratti bareessa jiru.
Walitti bu’iinsich garuu sabaa fi sablammii kamuu irratti kan xiyyeeffate akka hin ture poolisiin Naqamtee beeksiseera.
Sababiin walitti bu’iinsa kana odeeffannoo sobaa meeshaan waraanaa mana nama dhuunfaatti kuufamee jedhu akka ta’e Itti gaafatamaan Waajjira Poolisii Magaalaa Naqamtee Koomaandar Geetaachaw Ittaanaa miidiyaalee mootummaatti himaniiru.
Namoonni odeeffannoo sobaatin jeequmsa uumaan jedhaman 16 to’annaa jala oolfamusaanii koomaandarichi dubbataniiru.
Jeneraloonni Waayyaannee mormii cimaa ummata oromoo irra isaan qunname humnaan ukkamsuuf tarkaaniiffi ajjeechaa fi jeequmsa irratti bobba’aniiru.
Deeggartoonni waayyaannee biroo immoo bareeffamoota sobaa miidiyaalee hawaasummaa irratti maxxansuun saba fi sablamoota biyyaatti waliitti buusuu jibbaa fi gargaarummaa uumuun hoggantota isaanii aangoo irra tursiisuuf tattafacha jiru
Oduu biraan immoo, Biiroon Dhimmoota Komunikeshiinii Naannoo Tigraay Neetworkiin Birood kaastii Oromoo oduu maqaa saba xureessu gabaasa jira jechun himateera.
Dhaabbata Miidiyaa Bulchiinsa Mootummaa naannoo Oromiyaa kan ta’ee Neetworkiin Biroodkaastii Oromoo gocha kanarra yoo of-hin qusanee ta’e,tarkaaniiffii akka fudhatu mootummaan naannoo Tigraay akeekkachiseera.
Rakkoo nageenya naannoo Oromiyaa keessa yeroo amma jiru tikoonni fi miseensoonni waayyaannee harka lafa jalaan kakaasaa akka jiran ragaalee qabataman mirkana’eera.
Dhaabbatichis ragaalee qabatamaa Pooliisii Oromiyaa fi yaada ummata oromoo irra argatu irratti xiyyeeffate gabaasun qondaltoota waayyaannee waan gammachiise hin fakkatu.
Shira tokoota fi miseensoonni waayyaannee Oromiyaa dirree jeequmsaa fi booyichaa gochuf guyyaa fi halkaan xaxan Neetworkiin Biroodkaastii Oromiyaa gabaasuun shira qondaltoota Tigraay saaxila jira .
Jeneraloonni waayyaannee qabeenya oromiyaa saamaa turan yeroo amma fayeedan dhuunfaa isaanii waan jala tuqameef carraa argatan hundaan dhiiga dargaggoo Oromiyaa dhangalaasuuf tattaafacha jiru.