Raashiiyaan waggoota sadeen dhufan keessa Xiyaaroota waaraanaa 50 Ijiptiif dhiyeessuuf biyyaatti wajjiin waliigaltee irra akka geessee qondaltoonni waaraanaa Raashaa beeksiisan

Pirizedantiin Raashaa Vildii miir Putiin fi kan Ijipti Abdul Fattaa Al- Siisii dhiyeenyaa marii gaggeessaniin, raashaan xiyaaroonni waaraanaa akka dhiyeestu waliigalteerra akka gahan gaazexxaan Ahiraam jedhamu gabaseera.
Qondaltoonni Ijiptii garuu Raashaa wajjiin waliigalteerra yoom akka gahame odeeffannoo dabalata hin kenniinee jedhameera. Dhiyeessi xiyaaroora waaraanaa kun seenaa Raashaa isa keessatti guddaa akka ta’e himameera
Agarsiisaa Loltuummaa biyyaa Arab Imireetiisiitti gaggeeffamaa jiru irraatt kan argaman Ittii-Aanaa hogganaan tajaajila walta’iinsa loltummaa Raashaa,Biyyiisaan hanga bara 2020 tti xiyaroota waaraanaa ammayyaa Miig 29 jedhaman shantama dhiyeessuuf akka yaaltu himaniiru
Xiyaaroonni waaraanaa amayyaa kan jedhaman Miig 29 Misayeloota R-27 jedhamu lama baachuu akka danda’an himameera. Xiyaaroonni kunniin yeroo tokkotti boombii Kiilograamii kuma 3 baachuu danda’u jedhameera.
Ijipti Bifuma walfakkatuun mootummaa Amerikaa irra gargaarsa meeshaa waaraanaa akka argatu ni beekama . Ijipti bara 2017 irra jalqabde humna waaraanaa ishee bifa haaraa gurmeessuuf murteesitee hojjachaa akka jirtu gaazexxaan kun gabaasera.
Ijipti xiyaaroora waaraanaa amayyaa kanniin dolaarii biiliyoona lama ol akka bittuu qondaltoonni waaraanaa Raashaa beeksiisaniiru.
Duulaa Ijiptiin Shororkeessoota irratti jalqabdee Amerikaan akka gargaartu Pirizidaantiin Amerikaa haaraa Donaald Traamp dhiyeenya pirizidaantii Ijipt Abduul Fattaa Al- Siisii wajjiin blbilaan wayita mari’ataan itti himaniiru
Amaerikaan akka lakkofsa warra faranjoota bara 2015tti meeshaalee waaraanaa gara dolaarii biiliyoona lamaatti tilmamu Ijipti akka kennite himameera