Qondaltoonni Mootummaa Olaanoon Ragaa Ittisaaf Akka Dhiyaatan Manni Murtii Olaanoo Federaalaa irra deebiin Ajajeera

Hoggantoonni Kongiraasi Federaliistii Oromoo galmee Gurmeeessa Ayyaannoo jalatti himataman qondaltoota mootummaa Olaanoo ragaa ittisaan dhiyeeffachun isaanii kan yaadatamudha.
Haaluma kanan, Manni Murtichaa Ministira Muummee Obboo Hayilamariyaam Dassalaany fi Afa yaa’iin mana mariii bakka bu’oota ummataa Obboo Abbaa Duulaa Gammadaa mana murtiitti dhiyaatan ragaa akka bahan ajaje ture.
Akkasumas Pirezedantiin Naannoo Oromiyaa obboo Lammaa Magarsaa, Hogganaan giduugaleessa Dh.D.U.O Doktor Abiyyi Ahimaad fi Kantibaan Magaala Laga Xaafoo Laga Daadhii Aadee Caaltuu Saanii Onkololeessa 27 hanga 29 ragaa ittisaan akka dhiyaatan murta’een ni yaadatama
Yaa ta’u malee, xalayaan waamicha qondaltoota mootummaa olaanoo kanniinf akka bareeffamu manni murtichaa ajaje waan isaan hin geenyeef guyyaa jedhameetti argamu hin dandeenye.
Xalayaan waamichaa kan hin ergamneef sababaa hojjattoonni mana galmee mana murtichaa hin qopheesineef akka ta’e manni murtii himeera .
Manni murtichaa dhadacha Sadaasa 6 bara 2010 ta’een qondaltoonni mootummaa olaanoon kunniin muddee 17,18 fi 19 bara 2010 dhiyaatan ragaa akka bahan irra deebiin ajajeera.
Gaaffii mirgaa abbaa biyyuummaa fi walqixummaa ummata Oromoo wajjiin walqabatee hoggantoonni Olaanoo fi miseensoonni Kongirasii Federaliistii Oromoo 21 yakka shororkeessummaan himatamun ni yaadatama.
Mannii Murtii Federaalaa fi Abbaan Alangaa dhimmi himatamtoota siyaasa Oromoo kanniin waggaa tokkoo oliif lafarra harkiisa erga turanii booda himatamtoonni shanii bilisaan akka gadhiifaman murteeffameera.
Ittii-Aanaa Dura Taa’aan Paartichaa obboo Baqqalaa Garbaa yakka idileen akka himataman wayita murta’uu, kan hafan immoo yakka shororkeessummaa abbaan alangaa ittin isaan himate akka ofirra ittisaan manni murtii ajajun kan yaadatamudha.