Qondaltoonni Mootummaa Malanmaltummaan shakkamanii hidhaman mana murtii Federaalaatti dhiyaataniiru.

Qondaltoota mootummaa olaanoo,Daldaltoot fi faddaaltonni malaanmaltummaan shakkaman 34 ol to’aannoo jala oolfaamuu isaanii miidiyaaleen mootummaa gabaasaniiru
Namoonni malanmaltummaan shakkamanii mana murtii Federaalaatti dhiyaatan kunniin sadarkaa hoggansaa gadi aanaa irra kan turanii fi hojjattoota warshaalee shukkaraa akka ta’an mirkana’eera.
Qondaltoonni mootummaan malanmaltummaan shakkamanii hidhaman kanniin keessa Ministirri yookan Ministiir Dee’eetaan tokkolee kan jire yoo ta’u, mana murtiitti kan dhiyaatan hunduu sadarkaa hogggansaa gadii aanaa irra kan turanii fi hojjattooota warshaalee shukkuraa kan turan.
Halumaa kanan Hogganan Abbaa Taayitaa Daandiiwwan magaala Finfinnee duraanii Injinar Faqaadaa Haylee dabalatee Injinar Ahimaddiin Busiir, Injinar Waasiihuun Shifarraawii fi kampaanii KonistirakihiiniTidhaar irraa immoo obboo Miinaash Leevii akka ta’an gabaafameera.
Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Itoophiyaatii immoo obboo Abdoo Ahimad, Baqqalaa Nugusee, Baqqalaa Baalchaa, Galaasoo Boorrii, Yaneenah Asaffaa, Asaffaa Baaraakii fi Gabrananiiyaa Tsaadiiq mana murtiitti dhiyaataniiru.
Warshaa Sukkaara Matahaaraatii obbo Indaalkaachaw Girmaa, aadde Sannaayit Warquu, obbo Ayyanaw Asfaawii fi Ballaxaa Zallalaw fa’ a jedhameera .
Ministeera Maallaqaa fi Walta’umsa Diinagdeetii, Obboo Muusaa Mahaammad, Masfin Warqinah, Waasiihuun Abaataa, Taammiraat Amaaraa, Taaxaq Dabaalqee, Yoonaas Mar’aawii, Siyyuum Goobanaa, obbo Akloog Damisee, obbo Getaachoo Nagaraa fi Dooktar Warquu Abinnat akka ta’an beekameera.
Warshaa Sukkaara Tandaahootii obboo Abbabaa Tasfaayee fi Biililliny Xaasaw akkasumas Yamaanaa Girmaay( GYB Koonistiraakshin) fi obboo Daani’eel Abbaabaa malanmaltummaan shakkamuun mana murtiitti dhiyaataniiru.
Proojaktii Oomoo Kurraaz lakkoofsa 5 obbo Masfin Malkaamuu, aadde Saaleem Kabbadaa, obboo Lii Yoo, obbo Tsaggaayee Gabra -igzi’aabheer fa’a akka ta’an miidiyaaleen mootummaa gabaasaniiru
Namoonni malanmaltummaan shakkamanii mana murtiitti dhiyaatan kunniin Birrii biiliyoona 2 ol ol hir’isuun shakkaman jedhameera.
Shakkamtoonni gaaffii mirga wabii kan dhiyeeffatan ta’us, Poolisiin dhimmaa isaanii qulqulleeffadhe hin xumure jechun dabalataan guyyoota 14 itti gaafateera.
Manni murtichaas guyyoota dabalataa pooliisiin gaafate eyyamuun Hagayya 3 bara 2009tti beelamuusa gabaafameera