Qondaltoonni fi Hojjattoonni Mootummaa Eyyama Wajjiira Minstiira Muummee ala biyyaa bahuu hin danda’an jedhame

Qondaltoonni fi hojjattoonni mootummaa dhimma hojiif gara biyyaa alaa imalan kamuu wajjiira Ministiira Muummee irra eyyama argachuu akka qaban qajeelfamni dirqamsiisu qohaa’eera.
Wajjiiraaleen bajeenni mootummaa irra ramadamuuf hundu maallaqa ummataan konkolattoota ammaayyaa akka hin binnee qajeelfamni bahee kun ni dhoorka jedhameera
Akkasumas sababa adda addaan nyaataa fi dhugaatii qopheessuun wal afeeru fi dhiichiisuu, walgahii fi Ayyaana adda adda sababeeffachuun barruulee, Ajandaa, Kaardiiwwan Gammachuu ,uffata , korojoo fi qoobii akka hin maxxansisne qajeelfamiichi akka dhoorku himameera.
Qondaltoonni Mootummaa tokko tokkoo maqaa dhuunfaa isaanii ajandaa maxxansisaa akka turan himameera
Walgahii qooda fudhattoota wajjiin gaggeeffamu sababeeffachuun Korojoo, Qoobii, Tii-shartii, fi Uffata Aadaa kamuu bituun akkaata qajeelfama haaraa kanaatti hin danda’amu jedhameera.
Haala kanan dura tureen walgahiiwwaan adda addaa qondaltoonni mootummaa olaanoo irratti hirmatan sababeeffachuun bu’aaleen maxxansaa qophaa’aan madda malanmaltummaa ta’usaanii himama tureera.
Gaazexxeestoonni Televizhiinii biyyaatti barruu Hiddasee yookan Tiraansformeshiin jedhaman fi hojiilee qondaltoota mootummaa diinqisfatan qopheessuun maallaqa heddu argataniru.
Akkaata Qajeekfamichaatti, wajjiiraaleen mootummaan bajeeta ramaduuf hundu wajjiiraaf biiroo kireeffachuu fi meeshaalee dhaabbataa bituu hin danda’an jedhameera.
Qajeelfamni mana marii ministirootaan ragga’ee kun duula farra malanmaltummaa tibbaana jalqabame wajjiin walqabatee qondaltoota mootummaa biyyaa akka hin baane ittisaman kan ilaalatu ta’uun hin beekame.
Qondaltoonni mootummaa sababa dhuunfaa isaantiin biyyaa akka hin baane wajjiira tikaa mootummaan dhoorkamu isaanii odeeffannoo ESAT argate ni mul’isa.
Qoqqobiin Qondaltoota mootummaa dhimma dhuunfaaf biyyaa akka hin baane ittisu kun qondaltoota Waayyaannee beekamoos kan akka dabalatu ragaaleen ESAT argate mul’isaniiru .
Wajjiirri Ministiira Muummaa qabeenyi ummata sababa kanan manca’ee sadarkaa olaanaa irra erga gahee booda qajeelfama kana maaliif akka qopheesse beekamu baatuuf bu’aa qabsoo ummataa ta’u mala jedhameera