Qondaaltonni Mootummaa Itoophiyaa fi Keeniyaa dhimma nageenyaa fi tasgabbii irratti magaalaa Mombaasaatti mari’achaa akka jiran dhaga’ame.

Looltoonni Mootummaa Itoophiyaa sababa Loltoota ABO qabuuf jedhuun yeroo gara garaatti daangaa Keeniyaa waan qaxxamuraniif walitti dhufeenya biyyoota lamaanii irratti rakkoo akka fide Gaazexoonni biyattii gaabaasaniiru.
Ji’a darbe loltoonni mootummaa Itoophiyaa gara daangaa keeniyaa seenuun Poolisoota jaha erga ukkaamsanii fudhatanii booda keeniyaan loltoota ishee daangaa irra akka qubachiiste gaazexaan biyyattii Deyilii Neeshin jedhamu gabaaseera.
Walii galteen dhabamuun naannoo daangaa biyyoota lamaanii kun yeroo gara yerootti babal’achaa waan dhufeedha.

Rakkoo Daangaa kanaaf furmaata barbaaduuf qondaltoonni biyyoota lamanii 60 ol ta’an waa’ee nageenyaa fi tasgabbii daangaa ilaalchisuun magaalaa Mombaasaatti marii akka jalqaban gaazexaan kun gabaaseera.
Ministeerri biyya keessaa biyyoonni lamaan yeroo adda addaa rakkoo walitti bu’iinsa daangaa furuuf waliigaltee mallateessan bu’a qabeessa akka hin turre dubbatan.
Biyyoonni lamaan waliigaltee daangaa akka lakkoofsa warra faarnjootaatti bara 1970 mallatteessan irra deebi’anii ilaaluun barbachiisaa akka ture himaniru.
Ministeerichi qabxiilee walii galtee ilaalchisuun odeeffannoo dabalataa hin kennine .
Biyyoonni lamaan daangaa kiilo meetira 811tti tilmaamamu uwwisuun wal dangeessa.
Hanga ammaatti qabeenya daangaa kiiloo meetira 43 qofaa ilaaluun akka danda’ame himaniiru.

Waa’ee daangaa hafee qorachuuf waggaa 40 ol akka fudhatu ministeerichi beeksisuu isaanii gaazeexaan kun gabaaseera.