Qondaalli Olaanoo Komishiinii Filannoo Keeniyaa gara Amerikaatti baqatan

Qondaalli Olaanoo Koomiishinii Filannoo Keeniyaa sooda fi akeekkachiisa yeroo gara garaa irra gahuunn hojii gadhiisun gara Amerikaatti akka baqatan gabaafameera
Haala qabatamaa yeroo amma Keeniyaa keessa jirun filannoo Pirezedantummaa haqa qabeessa fi iftoomna qabu gaggeessuun akka hin danda’amne qondaalli Olaanoo Komishiinii Filannoo Biyyaatti Roozaliin Akoomben beeksisaniiru.
Komishiniin Filannoo Keeniyaa dhiibbaa siyaasa jala galee waan jiruuf akeekkachiisaa fi sodaachisooni adda adda irra ga’aa akka ture himaniiru
Komishiinii Filannoo Biyyyaatti dhiibbaa siyaasa jala waan jiruuf akeekkachisa isaaniif kennama ture kana gara maddiitti dhisuun Keeniyaa keessa turuu hin danda’u jedhan
Qondaalli Olaanoo Komishinichaa Lubbuu isaaniif waan sodaataniif biyya gadhiisaanii baqachuf akka dirqaman BBCti himaniiru
Filannoo Pirezedantiummaa Keeniyaa bara kana jalqabumarra kaasee milka’aa waan jiru hin fakkatu.
Filaannoo Pirezedantummaa kana dura gaggeeffame pirezedantiin biyyaatti Uhuuru Keenyaatta yeroo lammaffaaf akka filataman Komishiniin Filannoo biyyaatti labsuun ni yaadatama.
Kadhimamaan Pirezedatii fi hogganaan paartii Mormituu Raayila Odiingaa bu’aa filaannoo fudhachuu diduun mana murtii Olaanoo Keeniyaatti iyyatanii bu’aan filanicha akka haqamu taasifameera.
Manni murtichaas filaannoon Pirezedantummaa Keeniyaa irra deebiin akka gaggeeffamu waan ajajeef akka lakkofsa warra faranjoota onkololeessa 26 bara 2017 guyyaan qabameef jira.
Kadhimaamaa Pirezedantii fi Hogganaan garee Mormitii Raayila Odiinga gamasantiin, filanichi karaa haqa qabeessa fi iftominaan hin raawwatamu jechun filannoo keeessa bahaniiru.
Amma immoo Qondaalli Olaanoo Komishiinii Filannoo Keeniyaa Roozaliin Akoomben soodachun biyya gadhiisanii baqachun Siyaasa biyyaatti rakkoo gudda keessa akka jiru mul’isa jedhameera.
Koomiishinii Filannoo Keeniyaatti itti gaafatamaa IT Kriis Msaandoon kana dura ajjeeffamuun isaanii sodaa akka itti uume Roozaliin Akoomben BBCtti himaniiru.