poreKoreshinii ittisa biyyaa fi sibiilaa Bishooftuutti konkolaataan qonnaa qulqullina dhabuun mufii uume

Naannoo Amaaraatti mootummaan biyya bulchu dargaggoota waldaan ijaaramuun hojii qonnaa irratti bobbaasuun konkolaataa qonnaa kennameef qulqullina dhabuu isaatiin hojii dhaabuu fi waldaan isaaniis bittimmaa’uu dubbatan.

Godinaalee naannichaa garagaraa keessaa dargaggootni mufii isaanii dhiheessan yuunuvarsiitiiwwan garagaraa fi kolleejota biraa digrii duraa fi dipolaamaan kan eebbifamaniidha.

Dargaggootni kunneen wixinee hojii qonnaa irratti bobba’uu isaan dandeessisu dhiheessan fudhatama argachuun maallaqa qusachuun korporeeshinii Ingineringitti akka dhihaatu taassisuun rakkoo tokko ta’uu himaniiru.

Tiraaktarootni kunneen rakkoo quliqullina cimaa akka qabanii fi ji’oota lama osoo hin hojjetin caccabuu isaanii komattootni kunneen himaniiru.

Mootummaan biyya bulchu maallaqa kan walitti qabu akkasumas dhaabbilee biyya keessaa liqii kennan hunda caala dhala kan gaafatu waldaa liqii fi qusannoo naannoo Amaraa irraa % 15 liqeeffatanii akka bitan kan himan komattootni korporeeshinii ittisa biyyaa fi Injineringii irraa konkolaattoota qonnaa akka bitan taassifamuun isaanii rakkoo kanaaf akka isaan saaxile ibsaniiru.

Rakkoo qulqullina dhabuu tiraaktaroota kanaatiin hojii hojjechuu dadhabuun waldaa isaanii diiguun bitinnaa’uu isaanii kan dubbatan dargagootni kunneen, gosa barnootaa ittiin eebbifamaniin hojii barbaadanis dhabuu isaaniitiin hirkattoota maatii ta’uun rakkataa akka jiran addeessaniiru.

Korporeeshiniin ittisa biyyaa fi Injineringi qabeenya biyyattii irraa fudhachuun of babal’isa malee mootummaaf gibira kaffalee hin beeku jedhamuun komatama.

Dhaabbatichi yeroo harki gabaabbatu mootummaa irraa akka liqeeffatu, kan bulus seera loltuutiin ta’uu isaatiin, waan haaraa kan ta’e hunda kan hin fudhannee fi olaantummaan saba tokkoo qofti kan keessatti mul’atu ta’uu irra deddeebiin dubbatama.