Pooliisiin biyya Ingilaand Doktoor Taaddasaa Birruu himaateera

Dr Taaddasaa Birruu ji’a Amajjii darbee Eritiraadha gara Inglaand wayita deebi’aan buufata xiyyaarratti erga qabamanii booda, Pooliisoonni biyya ingiland yemmuu sakkata’aan bareeffamoota adda adda toora Interneetii irra waliitti qaban Kompitaara isaanii irratti akka argan himameera.
Pooliisoonni Inglaand bareeffamoota kanniin waan shakkaniif Dr Taaddasaa Mana Murtiitti akka himatan gabaafameera.
Dr Taaddasaa akka lakkofsa warra faranjoota bara 2009 gara Inglaandiitti erga baqatanii booda Itoophiyaa keessatti walqixummaan haqaa fi Sirni Dimokiraasii akka dhufuuf qabsa’aa jiru.
Qabsoo isaanii kana cimsuun yeroo amma hoggansa Arbanyooch Ginboot Sabaat ta’uun tajaajila akka jiran ni beekama.
Murtiin Pooliisoota Inglaand kun qabsoo fi Imammaata Arbanyooch Ginboot Sabaatii wajjiin waliitti dhufeenya akka hin qabne hoggantoonni dhaabbatichaa beeksisaaniiru
Mootummaan Itoophiyaa Arbanyooch Ginboot Sabaat garee shororkeessummaatti akka ramadamuuf gaaffiin Mootummaan Biriteen dhiyeese fudhatama akka dhabe kan yaadatamudha
Mannii Marii Bakka Bu’oota Ummataa Itoophiyaa dhaabbileewwaan walqixxummaa haqaa fi sirna Dimokiraasii fiduuf qabsa’aan hunda Shororkeessummaan farrajeera.
Sirnii bittaa Itoophiyaa dhaabbilee haqaaf qabsa’aan shororkeessummaatti akka ramadamaniif Amerikaa dabalatee biyyoonni Awurooppaa adda addaaf gaaffiin dhiyeese ture milka’uuf hin dandeenye.
Sirnii bittaa Itoophiyaa Dhaabbileen haqaa , dimokiraasii fi walqixummaaf qabsa’aan hunda garee shororkeessummaatti ramaduun namoota imammaata mootummaa mormanii immoo gareewwaan kanniin wajjiin hidhata qabu jechuun mana hidhaatti dararaa akka jiru ni beekama.
Lammii biyya Ingilaand kan ta’an obbo Andaegaacchoo Tsiggee mana hidhaa sirna bittaa Itoophiyaa keessaa akka jiran waan beekamuudha.