Pirojektiin Shukkaraa Kuraaz lakkofsa Tokko Oomisha jalqabe jedhame kan gaabafame soba akka ta’e hojjattooni himan

Dhaabbanni Televizhiinii “ENN” jedhamu fi Mootummaa Waayyaanneen akka filannoo lammaffaatti hundeeffame Pirojektiin Shukkaraa Kuraaz lakkofsa tokko hojii akka jalqabe gabaasee ture.
Warshiichi guyyaatti Shukkaraa toonii 650 akka oomishuu akkasumas haftee shukkaraa irra immo humna Anniisaa fayeeda warishichaa bira darbee jirattoota naanniichaaf tajaajilu akka maddisiisuu “ENN” kun gabaasun ni yaadatama.
Hojjattoonni Warshichaa garuu oduu kana yoo dhaga’aan akka rifatan himaniiru.
Miidiyaaleen maqaa Ummataan hundeeffaman itti gaafatamummaa kan hin qabne yoo ta’e mootummaan garuu ummata irra deebiin sobuun gowwomsuuf yaaluun itti gaafatamummaa hin qabuu jechun hojjattoonni warishichaa gaafataniiru.
Warshaan Shukkaraa Kuraaz lakkofsa tokko sadarkaa amma irra jirun ooimshaa jalqabuu miti Shukkaraa gabaaf dhiyaatu yaaliidhaafu Oomishuu akka hin jalqabne hojjattoonni warishichaa beeksisaaniiru
Oduun dhaabbanni Televizhiinii Waayyaannee “ENN” gabaase kun yaada fi komii ummata jijjiiruuf Koorporeshiinii Sibiilaa fi Injinariingii wajjiin sobaan akka qindeessan hojjattoonni dubbatan.
Oomshni Shukkaraa warishichi yeroo amma Oomishe bifa shukkaraa kan hin qabnee fi adeemsa oomisha kan hin xummure akkasumas sadarkaa shukkaraa tajaajilaaf oolu danda’uurra akka hin geenye hojjattoonni himan
Koorporeshiinii Sibiilaa fi Injinaariing Jeneraloota Waayyaanneen hogganamu Koorporeshiinii Shukkaraa Itoophiyaatiin baga gammadaan warshaan keessan hojii jalqabeera nu harka fuudha jedhanii xalayaa akka bareessan himameera.
Hoggantoonni Koorporeshiinii Shukkaraa Itoophiyaa gamasaniin, warshiichi sakkata’ame tajaajilaaf gahaa ta’u osoo mirkaneefane isin harkaa hin fuunu waan ittin jedhaniif dhaabbilee lamaan giduutti waliigalteen akka dhabame himameera.