Pirojektiin Buufata Doonii Lamuu Itoophiyaa fi Keeniyaan wajjiin misoomsuuf waliigalan hanqina baajeta muuddate jedhameera

Pirojektiin Buufata Doonii Lamuu Itoophiyaa fi Keeniyaan Wajjiin misoomsuuf waliigalteerra gahaan kun Afriikaa keessa isa gudddaa dha jedhameera.
Pirojektii Buufata doonii Lamuu kun keeniyaatti argamaa. Pirojektii kana misoomsuuf biyyoonni laman waliigaltee mallatteesanis hanqina baajeta waan qunnameef hanga yaaddameen hojjatamaa akka jire gaazeexaan Keenyiyaa Zaa Staar(The Star) jedhamu gabaaseera.
Minsittirri Muummee Itoophiyaa duraanii Mallaas Zeenaawii fi Pirizidantiin Keeniyaa duraanii Moyaayii Kibaakii waggoota Afuriin dura buufata doonii Lamuu wajjiin misoomsuun sarara Ujummoo boba’aa buufaticharraa gara Itoophiyaa diririisuuf walgaltee mallattesanii turan
Yaa ta’uu malee, yeroo amma hojii pirojektichaa ilaalchisuun qondaltoonni Mootummaa Itoophiyaa fedhii baay’ee akka hin qabne qondaltoonni Keeniyaa beeksiisaniiru
Itoophiyaa yeroo ammaa Pirojektii kanaaf xiyyeeffaannaa kennuu dhabuun guutumaatti buufata doonii Jibuutii irraatti xiyyeeffachuun ishee qondaltoonni Keeniyaa dhimmicha shakkiin akka ilaalan taasiseera.
Akkaata waliigaltee biyyoota lamaniitiin, Ejeensiin Geejjiba Keeniyaa daandii buufata doonii Lamuu irra hanga daangaa Itoophiyaatti hojjachaa jira. Gama Mootummaa Itoophiyaatiin garuu hanga yaadame hojjatamaa hin jiru jedhameera.
Pirojektii Misoomaa Buufata doonii Lamuu dolaarii miiliyoona 22 ni xumurama jedhamee tilmaamee ture. Pirojektich yeroo amma hanqina baajeta guddaa keessa akka jiru gaazeexaan kun gabaaseera.
Hogganaan Geejjibaa fi Buufata Doonii Keeniyaa Silvistaar Kasuukuu gama isaaniitiin,Itoophiyaan waliigaltee Pirojektii kanaa dhiistee baati jedhanii akka hin abdane himaniiru.
Mootummaan Itoophiyaa komii hojiin pirojektichaa harkifate jedhuu fi hanqina baajeta ilaalchisuun qondaltoota mootummaa Keeniyaarraa dhiyaatuuf deebii akka hin kennine gaazeexaan kun gabaaseera.